Tamsaasa Kallatti:

Boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa waltajjii falmii paartilee siyaasaa gaggeessuu eegale

Bitootessa 18/2018(ENA) – Waltajjiin falmii boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa qopheesse filannoon walii galaa torbaffaa dhufu caalaatti hammataa fi hirmaachisaa akka ta’u gochuuf kan yaadame falmii filannoo paartilee siyaasaa kan jalqabaati.

Walitti qabduun boordii filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa Meelaatwarqi Hayiluu wayita kana, boordichi baatiiwwan darban muraasa waltajjii falmii kana qopheessaa turuusaa ibsaniiru.

Kaka’umsi kun paartileen siyaasaa yaada imaammataa qaban ummataaf kan itti ibsan carraa uumuun paartileen ejjennoosaanii beeksifachuuf akka gargaaruu fi ummanni filatus hubannoo caalaa akka argatu haala mijataa akka uumu eeraniiru.

Akka walitti qabduun boordii kun jedhanitti, boordichi paartilee filannoo walii galaa torbaffaarratti dorgoman deeggaruuf leenjii dabalatee paartileen falmii yaalii akka gaggeessan carraa uumeera.

Waltajjichi Paartilee siyaasaa, bakka bu’oota hawaasa Siviilii fi barattoota dhaabbilee barnootaa walitti fiduun dirreen siyaasaa akka bal’atu gumaacha gaarii akka taasisu ibsaniiru.

Waltajjiin falmii kun qama filannoon Walii galaa biyyaalessaa caalaatti hammataa fi hirmaachisaa karaa ta’een akka gaggeeffamu tattaaffii taasisaa jiruu ta’uu walitti qabduun boordii kun ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015