Qonnaan bultoonni Aanaa Dabra Libaanoos misooma Jallisiin Jireenyasaanii fooyyeffachaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Qonnaan bultoonni Aanaa Dabra Libaanoos misooma Jallisiin Jireenyasaanii fooyyeffachaa jiru
Bitootessa18/2018(ENA)-Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Dabra Libaanoositti Qonnaan bultoonni Aanichaa Misooma Jallisiin jiruuf jireenyasaanii foyyeeffachaa jiraachuusaanii ibsaniiru.
Aaniichatti Qonnaan bulaan Ganda Waakkeennee obbo Dassaleenyi Warquu akka ibsanitti, misooma jallisiitiin Kaarotii, Qullubbii, Raafuu fi Hundee diimaa omishuun gabaaf dhiyeessaa jirachuusaanii ibsaniiru.
Misooma jallisiin jiruu fi jireenya isaanii foyyeessaa kan jiranii fi bara kanas bu'aa qulqulluu birria kuma 400 ol argachaasaaniii dubbataniiru.
Dabalataanis Qonnaan bulaan Ganda Waakkeennee biroon obbo Fiqaaduu Guddataa Projektii Kaanaalii hojjetameen bishaan akka hin qisaasamnee fi sirnaan itti fayyadamuun omisha hanga eeganii ol argachaa jiraachuu himaniiru.
Bara kana qonnaan bultoonni hanga dhamaatiisaanii akka argataniif deeggarsa ogummaa fi hubannoowwan adda addaa kennaa jiraachuu Itti Aanaan Bulchaa fi Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa fi Lafa Gandichaa Obbo Raggaasaa Taklee himaniiru.
Sirna Itti fayyadama bishaaniisaanii foyyeessuun omisha gaarii argachaa jiran gabaa gidduugaleessaf dhiyeessaa jiraachuus ibsaniiru.
Lafa hektaara tokkorraa giddugaleessan callaa kuntaala 240 ol kan argamu ta'uu ibsaniiru.
Ganda Waakkenneetti barana sanyii gosa gara garaa lafa hektaara 400 irra facaafamerraa callaan kuntaalli kumni 96 ol kan argamu ta'uusaa Obbo Raggaasaan dubbataniiru.
Bara kana akka Aaniichaatti Jallisii gosa lama qamadii, kuduraa fi Muduraalee misoomsa kan jiraanii fi jallisii ammayyaan Kuduraalee fi Muduraaleen ganda Waakkennee keessatti misoomsaa jiraachuu Bulchaan Aaniichaa Obbo Mokonniin Yilmaa himaniiru.
Jallisii ammayyaan lafti hektaarri 400 ol Sanyiiwwan gosa gara garaan misoomaa kan jiruu fi qonnaan bultoonni 780 ol fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru.
Qonnaan bultoonniis omisha isaanii gabaa gidduugaleessaf dhiyeessuun kuntalaa tokko qarshii kuma sadii hanga kuma afuriitti gurgurachaa jiraachuu himaniiru.