Godinichatti Qonna Aarfaasaa fi gannaa baranaaf xaa'oon kuntaalli kuma 470 raabsamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Godinichatti Qonna Aarfaasaa fi gannaa baranaaf xaa'oon kuntaalli kuma 470 raabsamaa jira
Bitootessa18/2018(ENA)- Godinina Jimmaatti bara oomishaa 2018/19 Qonna Arfaasaa fi Gannaaf xaa’oon biyyee Kuuntaala Kuma 920 dhiyeessuuf karoorfame keessaa Kuuntaalli kuma 470 raabsamuu egaluusaa Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Jimmaa, Obbo Tijjaanii Tamaam ibsaniiru.
Godinichatti omishaa fi Omishtummaa Qonnaan bulaa guddisuuf galteewwan qonnaa facaasaa Arfaasaa fi Gannaa bara kanaaf karaa Waldaalee Hojii Gamtaatiin Qonnaan bulaaf raabsamaa jirachuun itti gaafatamaan kun ibsaniiru.
Yeroo ammas xaa’oon Ammayyaa Daappii fi Yuuriyaa karaa waldaalee hojii gamtaatiin aanaalee 20 keessatti raabsamaa jiraachu ibsaniiru.
Godinichatti Aanaalee Godinichaa 6 keessatti galteewwan Qonnaa yeroon qonnaan bulaaf dhiyeessuuf xiyyeeffannoon kenname hojjetamaa jiraachuun ibsameera.
Dhiheessiin xaa’oo yeroon raabsamuun yaaddoo xaa’oo ammaan dura mudatu hanbisuusaa ibsaniiru.
Sanyii filatamaa humna ofiin guuttachuuf Aanaalee Godinichaa 6 keessatti lafa hektaara 190 irratti sanyiin filatamaan baay’ifamee qonnaan bulaaf dhiyaachaa jira jedhaniiru.
Kunis rakkoo sanyii kanaan duraa maddi isaa hinbeekamnee fi daldaltoota seeraan alaa fi qaamolee biroon dhiyaachaa ture hambiseera.
Bara kana lafti hektaara kuma 880 qotamaa jiraachuu Itti gaafatamaan kun ibsaniiru.
Kana keessaa hektaara kuma255 Qonna Arfaasaan facaasuuf karoorfamuu ibsansaniiru.
Godina Jimmaatti bara oomishaa 2018/19 Oomisha Kuntaala Miliyoona 35 ol argachuuf kan karoorfame yoo ta'uu, qonnaan bultoonni kuma 460 ol immoo hojii kana keessatti hirmaachaa jiru jedhaniiru.
Qonnaan bulaan Godina Jimmaa Aanaa Cooraa Botor obbo Saabir Naasir qophii lafaa dursaniii xumuruusaanii ibsaniiru.
Dhiheessiin xaa’oo gahaan yeroo ammaa gara Aanaa fi gandaatti seenaa jiraachuunsaa yaaddoo ammaan dura qaban irraa bilisa akka isaan taasise dubbataniiru.
Akkaumas jiraataan aanichaa biroon dargaggoo Luleessaa Jamaal dhiheessiiwwan xaa’oo yeroon qophaa’uun Omisha gaarii argachuuf kaka'umsa nutti horeera jedheera.