Tamsaasa Kallatti:

Hojiin Misooma Koriidaraa Rakkoo Hawaas- Dinagdee furuu keessatti qooda olaanaa qaba

Bitootessa18/2018(ENA)-Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Waacaalee Magaalaa Muka Xurriitti hojiin misooma koriidaraa miidhagummaa fi Hawwatummaa Magaalaa dabaluun olitti rakkoo Hawaas-Dinagdee kan furu ta’uun ibsameera.

Magaalichatti bu’uuraaleen misoomaa rakkoo Hawaas -Dinagdee furan hojjetamaa jiraachuu hojii raawwachiisaan mana Qopheessaa Magaalaa Muka Xurrii Obbo Abbabaa Daanyee himaniiru.

Magaalichatti misoomni Koriidaraan daandii bitaa fi mirga kilomeetira tokkoo fi bo'oon lolaa meetira dhibba 4 baajata mana qopheessaa magaalichaan Ariitii fi qulqullinaan hojjatamaa jiraachuusaa ibsaniiru.

Hojiin misooma koriidaraa hawwatummaa fi magariisummaa magaalaa dachaan dabaluu bira darbee jireenya hawaasaa mijataa taasisuu keesatti qooda olaana qabaachuu ibsaniiru.


 

Misoomni koriidaraa Magaalichatti hojjatamaa jiru wantoota hedduu kan of keessatti hammatu ta’uu ibsuun, qindoomina qaamolee dhimmi ilaallatuun kan hojjetamu ta’uu Itti Aanaan Bulchaa fi itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa fi Lafaa Aanaa Waacaalee obbo Darajjee Nugusuu himaniru.

Jiraataa Magaalaa Muka Xurrii Obbo Girmaa Addunyaa akka ibsanitti, hojiin misooma koriidaraa hojjatamaa jiru bal'ina daandii dabaluu fi rakkoowwan lolaan waktii gannaa mudatu kan furu waan ta’eef deeggarsa taasisaa jiru.


 

Dabalataanis jiraattuun magaalichaa Aaddee Gannat Girmaa, Misoomni Koriidaraa balaa tiraafikaa imaltoota lafoo mudatu hir'isuu keessatti gahee guddaa kan qabu ta'uu ibsuun, milkaa'inasaaf qoodasaanii adda durummaan bahachaa jiraachuu ibsaniiru.

Waajjira koomunikeeshinii Aanaa Waacaaleerraa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015