Adeemsi Marii Ajandaa walitti qabuu naannoo Tigraay Finfinneetti Gaggeeffama - ENA Afaan Oromoo
Adeemsi Marii Ajandaa walitti qabuu naannoo Tigraay Finfinneetti Gaggeeffama
Bitootessa 18/2018 (ENA): Adeemsi Marii Ajandaa walitti qabuu naannoo Tigraay Bitooteessa 23 hanga 25, 2018 Finfinneetti akka gaggeeffamu Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa beeksise.
Adeemsa marii naannoo Tigraayitti gaggeeffamuuf jiru ilaalchisee komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa har’a miidiyaaleef ibsa kenneera.
Adeemsichi hirmaachisaa fi hunda kan hammatee akka ta’uuf hojiin Komishinichi hanga ammaatti hojjechaa ture milkaa’aa ta’uu Komishinarri Olaanaan Komishinichaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaan ibsaniiru.
Hojiin kun aanaa irraa eegalee haala ummata hirmaachisuun hojjetamaa akka tures ibsaniiru.
Lammiileen Naannoo Tigraay keessatti argaman adeemsa marii kanarratti hirmaachuuf mirga guutuu kan qaban ta’uu fi bu’a qabeessummaa adeemsichaaf gumaacha gaarii gumaachuu isaanii ibsaniiru.
Komishinarri Olaanaan kun ibsa kennaniin Komishinichi adeemsa marii naannoo Tigraay keessatti eegaluu fi haala mijataa uumuuf tattaaffii bal’aa taasisaa turuu yaadachisaniiru.
Bulchiinsa yeroo naannichaa, paartilee siyaasaa naannicha keessatti socho’anii fi qooda fudhattoota biroo magaalaa Maqalee fi Finfinnee waliin mariin yeroo 22 ol adeemsifamuu isaa hubachiisaniiru.
Haa ta’u malee, tattaaffiin kun adeemsi naannicha keessatti gaggeeffamuuf haala mijataa waan hin uumneef, adeemsi ajandaa walitti qabuu fi filannoo bakka bu’ummaa Finfinneetti akka gaggeeffamu murtaa’eera.
Adeemsi marii ajandaa walitti qabuu naannichatti Bitootessa 23 hanga 25, 2018 Finfinneetti akka gaggeeffamu beeksisaniiru.
Adeemsa Bitootessa 23 irraa eegalee gaggeeffamu kana irratti qooda fudhattoonni sadarkaa sadarkaan jiran hundi dammaqinaan akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.