Itiyoophiyaa fi Faransaay nageenya eegsisuu irratti tumsa tarsiimoo cimsuuf waliigaltee mallatteessan - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaa fi Faransaay nageenya eegsisuu irratti tumsa tarsiimoo cimsuuf waliigaltee mallatteessan
Bitootessa 18/2018 (ENA): Itiyoophiyaa fi Faransaay walta’iinsa biyyoota lamaanii damee nageenya eegsisuu irratti qaban gara walta’iinsa tarsiimootti guddisuuf har’a waliigaltee biyyoota lamaanii mallatteessaniiru.
Waliigaltee kana Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Injiinar Aayishaa Mahaammadii fi Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Faransaay Aleeksiis Laameech mallatteessaniiru.
Waliigaltichi miseensonni Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa ergama nagaa eegsisuutti bobbaafaman qophii hojii isaanii guddisuu fi dandeettii idil-addunyaa isaanii daran cimsuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsameera.
Waliigaltee kanaan ragaaleen leenjii Inistiitiyuutii Leenjii Deeggarsa Nagaa Idil-addunyaa (IPSTI) fi Mana Barumsaa Leenjii Mul’ataa (CTS) irraa kennaman sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii kan argatan yoo ta’u, hojiin qorannoo sadarkaa idil-addunyaatti kan gaggeeffamu ta’a.
Waliigaltichi ragaaleen leenjii Wiirtuun Nageenya Eegumsa Itiyoophiyaa kennan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Gamtaa Afriikaa biratti beekamtii olaanaa akka qabaatanis kan kaayyeffate ta’uu ibsameera.
Milkaa’ina kanaaf mootummaan Faransaay deeggarsa teeknikaa fi meeshaa barbaachisaa ta’e kan kennu yoo ta’u, dandeettii nageenya eegsistoota dirree waraanaa keessatti balaa fanjii dhoo’au irraa of eeguu guddisuuf xiyyeeffannoon addaa ni kennama.
Waliigalteen kun dippilomaasii waraanaa cimaa biyyoota lamaan gidduu jiru irratti kan hundaa’edha.
Itiyoophiyaan ergama nageenya eegsisuu idil-addunyaa keessatti adda duree ta’uun hirmaachuu ishee fi loltoota nageenya eegsistoota addunyaa adda duree ta’an biratti argamuun ishee itti fufuun tumsa kana cimsuuf sababa ta’uun kaafamaniiru.
Waliigalteen kun gumaacha Itiyoophiyaan nagaa fi tasgabbii addunyaaf qabdu caalaatti bu’a qabeessa akka taasisu himama.
Kana malees, michummaa biyyoota lamaanii yeroo dheeraaf ture sadarkaa haaraatti akka ceesisu ibsameera jedha odeeffannoon ENA’n Miidiyaa Onlaayinii Raayyaa Ittisaa irraa ” irraa argate.
#Ena Afaan Oromoo#TOI#Ena