Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti yeroo Arfaasaatti lafti heektaara kuma 680 sanyii facaafameera

Bitootessa 18 /2018 (ENA): Biiroon Qonna Naannoo Oromiyaa yeroo Arfaasaa bara kanaatti lafti heektaara kuma 680 midhaan adda addaatiin facaafamuu beeksise.

Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu ENAtti akka himanitti, bara kana naannichatti lafa heektaara miiliyoona 1.9 kan misoome yoo ta’u, oomishni kuntaala miiliyoona 46 ol ta’u akka eegamu eeraniiru.

Hojii kana keessatti lafti heektaara miiliyoona 1.79 facaafamuu isaa ibsuun, kunis Godinoota 11 naannichaatti irra caalaa qonna Arfaasaa irratti bobba’an keessatti hojjetamaa jiraachuu dubbatani.

Lafti misoome heektaara kuma 680 mala oomishaa kilssataraan kan uwwifame yoo ta’u, lafa waliigalaa misoomuuf karoorfame keessaa heektaarri kuma 884 tiraaktaraan misoomuu ibsaniiru.

Roobni Arfaasaa haala gaariin roobaa jiraachuu eeruun, galteewwan qonnaan bultootaaf barbaachisan yeroon akka geejjibsiifamu tattaaffiin taasifamaa jira jedhan.

Gama dhiyeessii galteetiinis xaa’oo biyyee kuntaala kuma 600 ol fi sanyii midhaanii adda addaa kuntaala kuma 188 qonnaan bultootaaf raabsamaa jiraachuu ibsaniiru.

Akkasumas midhaan hongee dandamatuu fi saffisaan oomisha kan kennan kan akka maashoo, boqqolloo, boloqqee, catee, qamadii,ataraa fi garbuu bal’inaan misoomsaa jiraachuu akeekaniiru.

Naannolee misoomni kun itti gaggeeffamaa jiru keessaa Harargee Bahaa fi Lixaa, Baalee fi Baalee Bahaa, Gujii, Booreena Bahaa, Arsii fi Shawaa Bahaa dabalatee Godinaalee 11 eeraniiru.

Milkaa’ina hojii kanaaf qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaaf leenjiin ogummaa kennamee, deeggarsa ogummaa fi hordoffiin taasifamaa jira jedhan obbo Geetuun.

Hoganaan kun naannichatti facaasaa Arfaasaaf xaa’oon gahaan akka jiru kan ibsan yoo ta’u,qonnaan bultoonni haala mijataa ta’etti fayyadamuun hojii qonnaa isaanii yeroon akka raawwatanis dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015