Magaalummaa fi babal’inni magaalaa ammayyaa bu’uura cimaa irratti ijaaramaa jiru jireenya fooyya’aa dhalootaatiif bu’uuradha – Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa - ENA Afaan Oromoo
Magaalummaa fi babal’inni magaalaa ammayyaa bu’uura cimaa irratti ijaaramaa jiru jireenya fooyya’aa dhalootaatiif bu’uuradha – Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa
Bitootessa 18/2018 (ENA) – Magaalummaan fi babal’inni magaalaa ammayyaa bu’ura cimaarratti ijaaramaa jiru dhalootaaf jireenya fooyya’aa akkasumas badhaadhina biyyaaf bu’uura ta’uu isaa Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa hubachiise.
Tajaajilichi odeeffannoo karaa miidiyaa hawaasaa isaa qoodateen; hojii guddaan misooma magaalaa fi kooridarii biyyattiin hojjechaa jirtu, bifa biyyattii jijjiiruu bira darbee sadarkaa jireenya lammiilee fooyyessuuf tarkaanfii seena qabeessadha jedheera.
Odeeffannoon tajaajilli komunikeeshinii mootummaa qoode guutummaansaa kunoo-
Magaalummaa fi babal’inni magaalaa ammayyaa bu’ura cimaa irratti ijaaramaa jiru, dhalootaaf jireenya gaarii fi badhaadhina biyyaaf bu’uura dha
Hojiin misooma magaalaa fi kooridarii bal’aan Itoophiyaan gaggeessaa jirtu, bifa biyyattii jijjiiruu bira darbee, jireenya lammiilee fooyyessuuf tarkaanfii seena qabeessa fudhatame dha.
Magaalonni bifa hiyyummaa yeroo dheeraaf ittiin beekamaa turan gama jijjiiruutiinii fi jiraattotaaf mijataa fi hawwataa ta’anii akka gurmaa’an mootummaa bajata guddaa ramaduu fi humna namaa qindeessuun hojjechuun danda’ameera.
Keessumaa hojiileen bu’uuraalee misoomaa diriirsuu, haaromsaa magaalaa, naannolee miidhagsuu, hojiileen suphaa bakkeewwan seenaa fi hambaalee Fnfinnee fi magaalota guguddoo birootti hojjetaman akkasumas hojiin misooma kooridarii hojjetamaa jiran ni eeramu.
Hojii bu’uuraalee misoomaa kanaan, hawaasni bishaan dhugaatii qulqulluu, daandii fooyya’aa, tajaajila fayyaa sadarkaa gaarii qabu, barnoota qulqulluu fi humna ibsaa akka argatu taasifameera.
Gama biraatiin kallattii Ministirrri Muummee doktar Abiy Ahmed kaa’aniin waggoota jijjiiramaa saddet darban keessatti hojiiwwan misoomaa hedduun kan raawwataman yoo ta’u isaan keessaa hojii magaalaa miidhagsuu isa ijoo dha.
Xiyyeeffannoon Hojii misooma kooridarii fi haaromsaa magaalaaf kenname magaalota Itiyoophiyaa gurguddoo qofa osoo hin taane magaalota 78 keessatti hojiirra ooleera.
Misoomni kooridarii kun jireenya magaalotaa duubatti hafaa jijjiiruun jireenya ammayyaa uumuurra darbee eeggumsa naannoo, jijjiirama yaadaa, fi naannoo jireenyaa mijataa uumuun gumaacha guddaa qaba.
Kunis jireenya gaarii lammiilee abdii itti horuun alatti madda boonsaa ta’ee jira. Akkasumas lammiileen biyyoota biraa dinqisiifannaa guddaa itti agarsiisaniiru.
Haaromsaa fi suphaan dhaabbilee seenaa, duudhaa isaanii eeguun dhalootaaf dabarsuu fi miidhagina magaalaa dabaluun turistoota hawachuu danda’eera.
Kanaanis turistoonni hedduun yeroo dheeraaf Itiyoophiyaa keessa akka turan gochuun galiin guddaa akka argamu taasisuun danda’ameera.
Bu’aa badhaadhinaa kana itti fufsiisuuf hojii dabalataa ciminaan hojjechuun barbaachisaa dha.
Itiyoophiyaan Afriikaaf fakkeenya badhaadhinaa ta’uu fi mul’atashee milkeessuuf, hirmaannaan lammiilee murteessaa waan ta’eef, tumsa cimaa itti fufsiisuun barbaachisaa dha.
Walumaagalatti, imalli badhaadhina magaalummaa Itiyoophiyaan eegalte dhaloota dhufu xiyyeeffannoo keessa galchuun kan raawwatame yoo ta’u, mootummaa teeknooloojii dijitaalaa fi sirna hojii ammayyaa walitti qindeessuun, magaalonni keenya bakka turizimii fi invastimantii ta’uurra darbanii wiirrtuu carraa hojii mijataa fi madda boonsaa akka ta’an gochuuf tattaaffii walirraa hin cinne akka taasisu ni mirkaneessa.