Kabajni Ayyaana Shuwaaliid duudhaalee Aadaa ajaa’ibaa of keessaa qaba- Daawwattoota - ENA Afaan Oromoo
Kabajni Ayyaana Shuwaaliid duudhaalee Aadaa ajaa’ibaa of keessaa qaba- Daawwattoota
Bitootessa18/2018(ENA)-Kabajni Ayyaana Shuwaaliid qabiyyee Amantiin alatti duudhaa Aadaa ajaa’ibaa of keessaa qaba jechuun daawwattoonni biyya alaa ibsan.
Ayyaanni Shuwaaliid guyyaa Iid-Alfaxirii kabajamerraa eegalee soomana guyyaa ja’aa turee guyyaa 6ffaa galgala Magaalaa Harar keessatti sirna ho’aan kabajameera.
Daawwataan Faransaayirraa dhufe, Giraans Rooberti, kabajicha ilaalchisuun ENA’f akka ibsanitti,taateewwan dinqisiisoo akkasii kunuunsuun qabuunii fi daawwattoonni Idil-Addunyaa carraa argatanii akka daawwatan taasifamuu qaba jedhaniiru.
Daawwataan Turkirraa dhufan Suhundaa Kiiprii gamasaaniin, hordoftoota Amantaa Musiliimaa alatti Namoonni biroon hirmaatanii arguu ibsaniiru.
Kunis waloominni Itiyoophiyaanotaa waliin jireenya hangam gadi fageenya akka qabu kan agarsiisudha jedhaniiru.
Sirna kabaja Ayyaana Shuwaalidirratti agarsiisni dinqisiisaan taasifamuu arguusaa Kaaribiyaan Kaabaa biyya Peetiroo Riikoo (Puerto Rico) kan dhufan Raafaa'eel Riiveeroon ibsaniiru.
Sirna kabaja Ayyaanichaa irratti akkaataan uffannaa hirmaattotaa, yeedaloo fi agarsiisni walii-galaa baay'ee akka isaan dinqisiise ibsaniiru.