Tamsaasa Kallatti:

Godinichatti bara kana ashaaraa magariisaatiin biqiltuu Miliyoonni 167 dhaabuuf hojjetamaa jira

Bitootessa18/2018(ENA)- Godina Horroo Guduruu Wallaggatti bara kana ashaaraa magariisaatiin biqiltuu Miliyoonni 167 dhaabuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa fi Lafaa Godinichaa beeksise.

Godinichatti biqiltuu ashaaraa magariisaatiin barana dhaabamuuf lafti heektaarri kuma 40 fi 902 qophaa’uu itti Gaafataan Waajjira Qonnaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Doktar Warqinaa Galataa himaniiru.


 

Godinichatti Aanaa Jaardagaa Jaartee fi Amuruutti Ashaaraa magariisaa bara kanaa milkeessuuf xiyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Sagantaa Ashaaraa magariisaan Biqiltoota madaala qilleensaa eegan dhaabuun cinaatti kanneen nyaataaf oolan irratti xiyyeeffachuun dhaabbiin Ashaaraa Magariisaa kan raawwatamu ta'uus ibsaniiru.

Godinichichatti, Aanaa Jaardagaa Jaarteetti dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa magariisaa bara kanaaf biqiltuwwaan adda addaa buufataalee 13 keessatti qophaa'uun kunuunfamaa jiraachuu itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa fi Lafaa Aanaa Jaardagaa Jaartee obbo Silashii Olii himaniiru.


 

Aanichatti buufataalee biqiltuu 46 keessatti Biqiltuuwwan Miliyoona 15 ol dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu Obbo Silashiin ibsaniiru.

Dhaabbiin biqiltuu Ashaaraa Magariisaa waggaa waggaan dhaabatuun gabbinnii fi Jiidhinsi biyyee dabaluun cinaatti madda carraa hojii fi madaala qilleensaa eeguu irratti gahee olaanaa bahachaa jiraachuus himaniiru.

Waajjira Komunikeeshinii Godina Horroo Guduruu Wallaggaarraa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015