Tamsaasa Kallatti:

Magaalli keenya Finfinneen jiraattota rakkoof saaxilamoo ta’an hirkattummaa irraa gara oomishtummaatti jijjiiruu irratti guddina qabatamaa agarsiisaa jirti - Kantiibaa Adaanech Abeebee

Bitootessa 18/2018 (ENA): Magaalli keenya Finfinneen jiraattota rakkoof saaxilamoo ta’an hirkattummaa irraa gara oomishtummaatti jijjiiruu irratti guddina qabatamaa agarsiisaa jirti jedhan Kantiibaa Adaanech Abeebeen.

Har’a ganama Sagantaa wabii nyaataa fi gahumsa Dargaggoota sagantaa shaakala hojii irraa fayyadamtoota kuma 15 fi 492 hirkattummaa irraa gara oomishtummaatti jijjiirree eebbifneerra jedhan kantibaan kuni.

Kunis hojiilee Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad “Galmoota Zeeroo” jedhu, Kunis “hirkattummaa fi kadhaa” zeeroo gochuu kan jedhu mul’ata guddaa qabachuun

kan labsan keessaa tokko, magaalaa keenya keessatti galma ga’aa jiraachuu isaa kan agarsiisudha jedhani.


 

Waggoota shanan darban keessa jiraattonni sagantaa Seefti Neetii kanaan hammataman kuma  695 ol hirkattummaa irraa gara oomishtummaatti jijjiiramuun of danda’anii maatii isaanii akka deeggaran taasiseera.

Gama biraatiin, bara 2014 magaalaa keenya keessatti muuxannoon hojii eegalamee kaasee dargaggoota har’a eebbifaman kuma 8 fi 852 dabalatee lammiileen kuma 49 hirkattummaa fi hoji dhabdummaa keessaa bahanii, walitti hidhamiinsa isaaniif uumameen muuxannoo hojii xumuranii gara hojii mataa isaaniittii fi oomishtummaatti cehuu isaanii ibsaniiru.

#Ena Afaan Oromoo#TOI#Ena

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015