Dargaggoonni filannicha irratti dammaqinaan akka hirmaataniif hojiin hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Dargaggoonni filannicha irratti dammaqinaan akka hirmaataniif hojiin hojjetamaa jira
Bitootessa 17/2018 (ENA): Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti dargaggoonni dammaqinaan akka hirmaatan hojiin hojjetamaa jiraachuu Manni Maree Dargaggoota Naannoo Somaalee beeksise.
Pireezidaantiin Mana Marichaa Mahaammad Ahimad Nuur adeemsa dimokiraatawaa filannoof hirmaannaan dargaggootaa murteessaa ta’uu eeruun, kanaafis manni marichaa hojii dadammaksuu gaggeessaa akka jiru ENAtti himeera.
Dargaggoonni biyyaa kan bakka bu’an ta’uu isaanii hubatanii sochii waliigalaa biyyattii keessatti dammaqinaan hirmaachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Filannoo irratti hirmaannaa isaanii cinaatti tajaajila tola ooltummaa isaanii itti fufuun akka isaan irraa eegamus akeekeera.