Milkaa’inni Invastimantii kallattii alaa Itiyoophiyaa agarsiiftuu bu’aa hojiirra oolmaa imaammata dhimma alaati - ENA Afaan Oromoo
Milkaa’inni Invastimantii kallattii alaa Itiyoophiyaa agarsiiftuu bu’aa hojiirra oolmaa imaammata dhimma alaati
Bitootessa 17/2018 (ENA) - Milkaa’inni daldalaa fi Invastimantii kallattii alaa Itiyoophiyaa agarsiiftuu bu’aa hojiirra oolmaa imaammata dhimma alaa ta’uusaa deneetaan ministira dhimma alaa ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee ibsan.
‘Foramiin Itiyoophiyaatti invast godhaa’ jedhu kan 4ffaan mata duree “Itiyoophiyaan biizinasiif qophiidha” jedhuun Finfinneetti taa’amaa jira.
De’eetaan ministira dhimma alaa ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee wayita kana, Itiyoophiyaan tumsa daldalaa fi Invastimantii fooyyessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirti jedhaniiru.
Foramiin Invastimantii Itiyoophiyaa 4ffaanis tumsa biizinsii gabbisuun waliigaltee fi tumsa waloo ijaaruuf faayidaa olaanaa akka qabaatu ibsaniiru.
Milkaa’inni daldalaa fi invastimantii kallattii alaa Itiyoophiyaa agarsiiftuu bu’aa hojiirra oolmaa imaammata dhimma alaa ta’uu dubbataniiru.
Boqonnaa murteessaarra kan jiru dinagdeen Itiyoophiyaa daldalaa fi invastimantiif dirreen mijataan uumamuusaa akka agarsiisu de’eetaan ministiraa kun ibsaniiru.
Fooyyessi dinagdee gooroo man-dhalee Itiyoophiyaa invastimantii kallattii alaa jajjabeessaa akka jiru ibsaniiru.
Kanaaf ammoo dameelee oomisha qonnaa qiqindeessuu, huccuu, humna haaromfamaa,albuudaa fi teeknooloojiitiin carraalee invastimantii bal’aa banuuf akka gargaare himaniiru.
Fuulduras dureeyyiin idil addunyaa dirree daldalaa fi invastimantii mijataa Itiyoophiyaan uumtetti akka fayyadaman dhaamaniiru.