Tamsaasa Kallatti:

Naannichatti Dameen miidiyaa fi komunikeeshinii qindoominaan waliin hojjechuun odeeffannoo sirrii fi si’ataa ta’e ummata biraan ga’uun danda’ameera

Bitootessa 17/2018 (ENA): Biiroon komunikeeshinii naannoo Oromiyaa odeeffannoo sirrii fi si’ataa ta’e ummata biraan ga’uuf dameen miidiyaa fi komunikeeshinii naannichaa waliin hojjechaa jiraachuu beeksise.

Waltajjiin Miidiyaa fi komunikeeshinii naannichaa gamaaggama karoora ji’oota sagalii fi sagantaa ifoomsa marsareetii (weebsaayitii) qindoome biiroon qopheesse gaggeessaa jira.

Hogganaan biiroo kominikeeshinii naannichaa obbo Hayiluu Addugnaa, wayita sana akka jedhanitti, biiroon odeeffannoo naannichaa bulchuu fi suuraa gaarii ijaaruuf ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Biirichi mootummaa fi ummata gidduutti wal amantaa uumuu fi hojiiwwan miidiyaa fi hariiroo hawaasaa qindeessuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Keessattuu waggoota darban keessatti waltajjiin waloo seektaroonni miidiyaa fi komunikeeshinii waliin hojjetan hundeessuun ijaarsa seeneffama waloo cimsuu fi odeeffannoo sobaa ittisuuf gargaarsa guddaa ta’uu ibsaniiru.

Marsareetiin odeeffannoo walitti qabuu fi qindeessu, har’a ifoome, bulchiinsa odeeffannoo ammayyaa, sirna odeeffannoo dhugaa irratti ijaaramee fi qaqqabummaa amanamaa dhugoomsuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Biiroon kun qormaata tajaajila odeeffannoo bara teeknooloojiitti uumamuu malu ittisuuf wiirtuu bulchiinsa odeeffannoo ijaaraa akka jiru hubachiisaniiru.

Marsareetiin kuni caasaa komunikeeshinii sadarkaa sadarkaan jiru irraa odeeffannoo walitti qabuu qofa osoo hin taane, hariiroo miidiyaa, dhaabbilee mootummaa fi ummata gidduu jiru sadarkaa ol’aanaatti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru.

Kunis qaama galma Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 kan ta’ee fi biiroon tajaajila isaa gama hundaan dijiitaalaa taasisuuf hojii eegale cimsee odeeffannoo qulqullinaa fi walsimaa ta’e fayyadamaa bira akka ga’u taasisuudha jedhaniiru.


 

Hirmaattonni waltajjichaa gama isaaniitiin, Waltajjiin Miidiyaa fi Komunikeeshinii damee kana keessatti walhubannaa fi qindoomina uumeera jedhan.

Marsareetii eegalame kun bu’aalee naannichatti galmaa’aa jiru dhaqqabamaa taasisuun hirmaannaa hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa ummataa guddisuuf kan gargaaru ta’uu himaniiru.

Waltajjicharratti qooda fudhattoota sirna bulchiinsa odeeffannoo dijitaalaa Biiroo Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin eegalame milkeessuuf gumaachan galateeffateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015