Tamsaasa Kallatti:

Qulqullinaa fi nageenya oomishaalee beeyladaa eeguun fedhii oomishaalee beeyladaa gabaa biyya alaa keessatti guddisuuf tattaaffiin cimaan taasifamaa jira

Bitootessa 17/2018 (ENA): Qulqullinaa fi nageenya oomisha beeyladaa eeguun fedhii oomishaalee beeyladaa gabaa biyya alaa irratti dabaluuf carraaqqiin cimaan taasifamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Qonnaa Itiyoophiyaa beeksise.

Labsiin Fayyaa fi nageenya Beeyladaa dambiiwwanii fi sadarkaa mirkaneessa qulqullinaa fi nageenya oomisha beeyladaa mirkaneessan of keessatti hammate qophaa’ee hojiirra oolaa jira.

Qulqullina omishaalee eeggachuu fi fedhii isaa guddisuun gabaadhaaf sadarkaa adda addaa dhiyeessuu haala qindoomina qabuun hojjetamaa akka jiru ibsameera.

Dhimma kana ilaalchisee ENA waliin turtii kan taasisan, Abbaa Taayitaa Qonnaa Itiyoophiyaatti hojii gaggeessaa kutaa to'annoo oomishaalee beeyladaa Dr. Ayyaaloo Shumat

Abbootii qabeenyaa gara gabaa biyya alaatti ergaa jiran waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuun, qulqullinaa fi nageenya omishaa mirkaneessuun fedhii oomishaalee foonii guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

To’annoo, hordoffii fi deeggarsa dabalatee dandeettii ogeessota damichaa dabaluu, akkasumas teeknooloojii ammayyaa fayyadamuun bishaan xuraa’aa fi balfa jajjaboo mana qalmaa keessatti gatuuf akka oolu ibsaniiru.

Balfi jajjaboo mana qalmaa irraa maddu xaa’oo uumamaaf ooluu eeruun; bishaan xuraa’aas qulqullaa’ee tajaajilaaf akka oolu taasifamaa jira jedhan.

Ijaarsi iddoo tursiisaa ammayyaa qulqullinaa fi nageenya oomisha beeyladaa gabaa biyya alaatti ergamu mirkaneessuu irratti milkaa’uusaa ibsaniiru.

Tarsiimoo misooma beeyladaa waliigalaa uumuu fi oomishaalee gatii dabalataa ammayyaatiin gabaaf dhiyeessuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

Haaluma kanaan qulqullinaa fi nageenya oomishaalee gara gabaa biyya alaatti ergaman mirkaneessuuf tattaaffiin taasifamaa jiru bu’aa gaarii galmeessisaa jiraachuu ibsaniiru.

Qulqullinaa fi nageenya oomishaalee eeguun fedhii oomishaalee beeyladaa gabaa biyya alaa keessatti dabaluuf hojiin qindoominaan hojjetamaa jirus itti fufuu akka qabus mirkaneessaniiru.

#Ena Afaan Oromoo#TOI#Ena

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015