Tamsaasa Kallatti:

Jiraattonni magaalaa Jimmaa filannoorratti hirmaachuuf kaardii fudhachaa jiru

Bitootessa 17/2018 (ENA) - Jiraattonni magaalaa Jimmaa filannoo walii galaa 7ffaarratti hirmaachuuf kaardii fudhachaa jiraachuu dubbatan.

Filannoo walii galaa 7ffaa Caamsaa 24 bara 2018 gaggeeffamuuf Guraandhala 28 bara 2018 irraa eegalee galmeen filattootaa gaggeeffamaa jira.

Jiraattonni magaalaa Jimmaa kaardii filannoo fudhachaa osoo jiranii ENAn dubbise akka jedhanitti filannicharratti dammaqinaan hirmaachuun ijaarsa sirna demokiraasii biyyasaaniif qoodasaanii bahachaa akka jiran kaasaniiru.

Kanneen keessaa obbo Geetaachoo Wadajoo, filannoo walii galaa 7ffaa irratti hirmaachuuf kaardii filannoo fudhataniiru.

Kana malees paartileen siyaasaa imaammatasaanii miidiyaan dhiheessaa jiran  hordofaa akka jiran dubbataniiru.

Kanneen biroos kaardii filannoo yeroon fudhachuun mirga demokiraasii isaaniitti fayyadamuun paartii siyasaa imaammata guddina biyyaaf ta’u qabu akka filatan gorsaniiru.

Jiraataan magaalichaa dargaggoo Zarihun Jihaad kaardii fudhachuun paartii imaammata gudduina biyyaaf qabu filachuuf bu’ura waan ta’eef kaardii fudhachuusaa ibseera.

Kaardii fudhateen paartii fayyadama dargaggootaa mirkaneessuu fi guddina biyyaa itti fufsiisu filachuuf qophaa’uusaa dubbateera.

Jiraattuun magaalaa Jimmaa adde Alamtsahaayi Tsaadiquu, filannoo walii galaa 7ffaa irratti hirmaahuuf kaardii filannoo fudhachuusaanii dubbatanii, paartii fayyadama dubartootaaf ni hojjeta jedhan filachuuf karoorfachuusaanii dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015