Mootummaan damee invastimantii jajjabeessuuf riifoormii bal’aa hojiirra oolche bu’aa qabatamaa argamsiisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan damee invastimantii jajjabeessuuf riifoormii bal’aa hojiirra oolche bu’aa qabatamaa argamsiisaa jira
Bitootessa 17/2018 (ENA): Mootummaan damee invastimantii jajjabeessuuf riifoormii bal’aa hojiirra oolche bu’aa qabatamaa argamsiisaa jiraachuu himan Komishinarri Komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Dr. Zallaqaa Tamasgeen.
Fooramiin Invastimantii Itiyoophiyaa 4ffaa mata duree "Itiyoophiyaan biizinasiif qophiidha” jedhuun jedhuun magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Itiyoophiyaan invastimantiif qophii ta’uu ishee qabatamaan mirkaneessaa akka jirtu ibsaniiru.
Akka Dr. Zallaqaa Tamasgeen ibsanitti yeroo ammaa biyyattiin gama invastimantiitiin jijjiirama dhugaa keessa jirti.
Jijjiiramni guddaan amma mul’atu, dandeettii beeksisuu caalaa gara bu’aa qabatamaa agarsiisuutti, akkasumas marii irraa gara gochaatti ce’uu keenya ta’uu dha jedhaniiru.
Kanaaf akka fakkeenyaatti waltajjiin "Itiyoophiyaatti invasti godhaa” kan jedhu bara darbee irratti hirmaattonni biyyoota 58 irraa babbahan 750 ol kan hirmaatan yoo ta'u, waadaan invastimantii Doolaara Ameerikaa biiliyoona 1.6 ol akka argame eeraniiru.
Mootummaan damee invastimantii haaromsuu fi hawwata isaa guddisuuf tattaaffii haaromsaa taasisaa jiru bu’aa argamsiisaa jira jedhan.
Haaromsi imaammata diinagdee Gooroo, bu’uuraalee seeraa fi mala dhaabbilee irratti taasifate, keessumaa riifoormii dinagdee biyya keessaatiin taasifamu damicha cimsuuf bu’uura guddaa kan kaa’e ta’uu ibsaniiru.
Dhaabbileen marsaa hojiirra oolmaa seenan hedduun amma oomisha isaanii gabaa idil-addunyaatiif dhiyeessuu eegalaniiru jedhan.
Kunis Itiyoophiyaan fedhii invastimantii gara bu’aa qabatamaatti jijjiiruuf dandeettii qabdu cimsaa akka jirtu ifatti kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.
Riifoormichi kaayyoo yaadame galmaan gahuu fi badhaadhina biyyaa akka mirkaneessu qooda fudhattoonni hundi carraaqqii isaanii itti fufuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.