Tamsaasa Kallatti:

Mootummaan naannoo Hararii baga ayyaana Shuwaalidiin isin gahe jechuun ergaa dabarse

Bitootessa 17/2018 (ENA) - Mootummaan naannoo Hararii baga ayyaana Shuwaalidiin isin gahe jechuun ergaa dabarseera.

Ayyaanota duudhaa walooma ummataa gabbisan keessaa tokko wagga waggaan naannichatti kan kabajamu ayyaanni Shuwaaliid akka eeramu ibseera.

Ayyaanni Shuwaalid baranaa tokkummaa sab-daneessummaa karaa agarsiisuu fi misoomaa fi guddina naannichaa caalaatti cimsuu karaa dandeessisuun dammaqinaan naannichatti akka kabajamu ibseera.

Ayyaanni aadaa kun duudhaalee wal danda’uu, waloomaa fi nageenyaa keessumaa dame tuurizimii gabbisuudhaan faayidaa guddaa akka qabu hubachiiseera.

Ayyaanicha kabajuuf hojiin haal duree xumuramuusaa mootummaan naannichaa beeksiseera.

Qophiileen seenaa, duudhaa fi aadaa Hararii beeksisanii fi agarsiisan miira obbolummaatiin hirmaattotaaf ni dhihaatu.

Ayyaanni Shuwaaliid walooma, nageenyaa fi obbolummaan kan itti cimsinu akka ta’u mootummaan naannoo Hararii hawweera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015