Naannichatti Ayyaana Shuwaaliid kabajuuf qophiin barbaachisu xumurameera - ENA Afaan Oromoo
Naannichatti Ayyaana Shuwaaliid kabajuuf qophiin barbaachisu xumurameera
Bitootessa 16/2018(ENA) : Naannoo Harariitti Ayyaana Shuwaaliid kabajuuf qophiin xumuramuu Biiroon Aadaa,Turizimii Hambaa naannichaa beeksise.
Ayyaanni Shuwaaliid Iid -Alfaxiir erga kabajamee guyyaa 6ffaatti galgalarraa eegalee kabajama.
Sirni Kabaja Ayyaanichaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa (UNESCO)tti galmaa’uun isaa ni yaadatama.
Ayyanichi haala obbolummaa dagaagsuun taateewwan adda addaan haala ho’aan kabajuuf haaldureen qophii xumuramuusaa hogganaan Biiroon Aadaa, Turizimii fi Hambaa obbo Tawalladaa Abdoosh miidiyaaleef har’a ibsaniiru.
Naannichatti Ayyaanni Shuwaaliid mata duree “Shuwaaliid tokkummaa sab-daneessummaa keenyaa fi guddina Turiizimii keenyaaf ” jedhuun akka kabajamu beeksisaniiru.
Ayyaanicha damee Tuurizimii taateewwan Ayyaanicha caalaatti babal’isuu fi dagaagsuu dandeessisaniin akka kabajamu ibsuun, dargaggoonnii fi kutaleen hawaasaa adda addaa agarsiisa daandiirraa akka argisiisan dubbataniiru.
Jimaata dhufu dorgommiin fiigichaa Kiiloo meetira 5 Magaalaa keessatti akka adeemsifamu ibsaniiru.
Akkasumas Hambaalee seenaa durii fi Amantii akkasumas, iddoowwan hawwata Turiizimii fi Hojiiwwan misooma koriidaraa caalaatti beeksisuun bakkeewwan gahumsa Turiizimii gochuuf sagantaawwan daawwannaa jiraachuus ibsaniiru.