Tamsaasa Kallatti:

Magaala Jimmaatti Tajaajilli wiirtuu tokkoo “Masoob” manguddootaa fi qaama miidhamtootaaf haala mijataa uumeeta

Bitootessa16/2018(ENA)-Magaalaa Jimmaatti Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Manguddootaa fi qaama miidhamtootaaf haala mijataa uumuusaa jiraattonni magaalichaa ibsan.

Magaalaa Jimmaatti Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob erga eegalamee ji’oota 6 lakkoofsiserra.

Tajaajilichaan hawaasni Magaalichaa tajaajiloota hunda bakka tokkotti argachuu isaaniitiin yeroo fi maallaqa isaanii qusachuu danda’uusaa ibsaniiru.


 

Jiraataan Magaalaa Jimmaa Obbo Nuurii Yesuuf kanaan dura kaffaltii bishaanii fi ibsaa raawwachuuf guyyoota hedduu itti fudhachaa turuu ibsuun, amma garuu Masoob giddugala tajaajila tokkootti yeroo gabaabaa keessatti xumurachuusaanii ibsaniiru.

Tajaajilichi yeroo fi baasii kan qusatu ta’uusaa obbo Nuuriin ibsaniiru.


 

Jiraataan Magaalatti biroon Obbo Muktaar Ibraahim tajaajila qabiyyee lafaa wajjin walqabatu argachuuf gara gidduugalichaa dhufuu isaanii ENA’f ibsaniiru.

Ammaan dura tajaajila kana argachuuf seektaroota garagaraa irraa deddeebi’aa akka turan dubbachuun amma garuu guyyaa tokko keessatti xumuramaafii akka jiru dubbataniiru.


 

Itti Aanaan Hoji Gaggeessaa Giddugalichaa Obbo Abdii Salamoon gidduugalli tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob ji’oota 6n darban keessatti tajaajiloota kuma 84 ol kennuu dubbataniiru.

Sektaraaleen 25 giddu galichaa keessatti hammatamuu ibsuun, hojjettoonni 103 hawaasa tajaajilaa jiru jedhaniiru.

Tajaajilli Maanguddootaa fi qaama miidhamtoota giddu galeessa godhates kennamaa jirachuus ibsaniiru.

Hojjettoonni tajaajila kennan gara manguddootaa fi qaama miidhamtootaatti dhiyaatanii tajaajiluun alatti, tajaajilli liiftii addaa qophaa'uus Obbo Abdiin dubbatan.


 

Fuuladurattis dameewwan giddugalichaa ganda magaalatti keessatti banuun caalaatti hawaasatti dhiyaachuuf karoorfamuusaas ibsaniiru.

Kana malees, tajaajila gidduugalichaa socho'aa taasisuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015