Tamsaasa Kallatti:

Riifoormiin dinagdee Gooroo guutuun yaa’insa invastimantii Itiyoophiyaa fi Xaaliyaanii gidduu jiru sadarkaa haaraatti ol guddiseera

Bitootessa 16/2018 (ENA): Riifoormii dinagdee Gooroo guutuu Itiyoophiyaan hojiirra oolchite yaa’insa invastimantii Itiyoophiyaa fi Xaaliyaanii gidduutti heddumminaa fi qulqullinaan guddina olaanaa galmeessisuu dandeessiseera jedhan Ministirri Maallaqaa Ahimad Shideen.

Waltajjiin Itiyoo-Xaaliyaan jalqabaa Konistiraakshinii, Bu’uuraalee misoomaa fi Misooma Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.


 

Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee saganticharratti haasawa taasisaniin, haaromsi guutuun Itiyoophiyaan hojiirra oolchite invastimantii idil-addunyaatiif haala mijataa fi hawwataa ta’e uumeera jedhan.

Haaromsi dinagdee maakroo kun walitti dhufeenya invastimantii Itiyoophiyaa fi Xaaliyaanii dameelee adda addaatiin, baay’inaafi qulqullinaan haalaan akka dabalu ibsaniiru.

Invastaroota Xaaliyaanii Itiyoophiyaatti dameewwan invastimantii ijaarsaa, dhiyeessii maashinarii fi kanneen biroo adda addaa irratti bobba’uun bu’aa qabatamaa galmeessisaa akka jiran hubachiisaniiru.

Walta’iinsi biyyoota lamaanii kun dinagdeetiin ala dameewwan misoomaa fi kanneen birootiin daran akka cimus eeraniiru.

Itiyoophiyaan bu’uuraalee misoomaa fi sirna hojii dhaabbilee idil-addunyaa hawwatu ijaaraa akka jirtu eeruun, keessumaa magaalaan Finfinnee abbootii qabeenyaa biyya alaatif bakka filatamaa ta’aa akka jirtu hubachiisaniiru.


 

Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Xaaliyaanii Seem Fabriziin gama isaaniitiin akka ibsanitti Itiyoophiyaa fi Xaaliyaan hariiroo seena qabeessaa fi yeroo dheeraa ta’e qabaachuu himani.

Biyyoonni lamaan dameelee adda addaatiin mul’ata waloo akka qaban ibsuun; Waltajjiin kun tumsa isaanii sadarkaa itti aanutti ceesisuuf gahee murteessaa akka taphatu dubbatani.

Baniinsa Fooramichaa irratti Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen, Ministirri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Dr. Abrahaam Balaay, Itti aanaan Ministeera Dhimma Alaa fi Tumsa Idil Addunyaa Xaaliyaanii Maariyaa Tiriippoodii, Deetaan Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Dr. Yeetimgeetaa Asraat, Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Xaaliyaanii Seem Fabriizii fi haggantoonni hojii olaanoo biroo argamaniiru.

#Ena Afaan Oromoo#TOI#ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015