Tamsaasa Kallatti:

Raayyaa Ittisaatti Izziin Bahaa gahumsa olaanaan ergamasaa bahaa jira-Letenaal Jeneraal Mahaammad Tasammaa

Bitootessa 16/2018(ENA) - Raayyaa Ittisaatti Izziin Bahaa ergama heera mootummaa kennameef gahumsaa fi gootummaa olaanaan bahachaa akka jiru ajajaan olaanaa Izzichaa Letenaal Jeneraal Mahaammad Tasammaamirkaneessan.

Letenaal Jeneraal Mahaammad Tasammaa hoggantoota komaandoo Izzii, Koorii, kutaa waraanaa Istaafiif kallattii bobbii wayitaawaa kennaniiru.

Raayyaan haala balaawwan biyyattii mudatan qolachuun dandeessisurra akka jiruu fi qaamoleen hooggansaa qindaa’anii qoodasaanii bahaa akka jiran Jeneraalichi ibsaniiru.

Izziin Bahaas ergama biyyaalessaa fi dhaabbatummaa cichoomee bahachaa jira jedhaniiru.

Hojii seera kabachiisuu naannoo Amaaraatti  gaggeeffamaa jiraniin kaayyoon humnoota ergama alagaa raawwachiisaa jiranii akka fashalu godhamuu eeraniiru.

Fuulduraa humnoota nageenyaa fi ummataa waliin caalaatti qindaa’uun riijinichatti nagaa amansiisaa buusuuf akka hojjetamu mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015