Dameen Abaaboo, Muduraa fi kuduraa Ce’umsa Qonnaarra darbee guddina Dinagdee hunda galeessaaf qooda olaanaa bahachaa jira - ENA Afaan Oromoo
Dameen Abaaboo, Muduraa fi kuduraa Ce’umsa Qonnaarra darbee guddina Dinagdee hunda galeessaaf qooda olaanaa bahachaa jira
Bitootessa16/2018(ENA)- Dameen Abaaboo, Muduraalee fi Kuduraalee Ce’umsa Qonnaan olitti,galii sharafa alaa argamsiisuu fi guddina Dinagdee walii galaatiif gahee olaanaa gumaachaa jiraachuu Ministir Deetaan Qonnaa, Doktar Sofiyaa Kaasaa ibsaniiru.
Agarsiisnidaldalaa Waldaan Omishtootaa fi Al-ergitoota Abaaboo,kuduraalee fi muduraalee Itiyoophiyaa (EHPP) Idil-Addunyaa waliin qindaa’uun qopheessan Bitootessa 15 hanga 17 bara 2018tti Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Waltajjicharratti, Deetaan Ministira Qonnaa, Doktar Sofiyaa Kaasaa, Itiyoophiyaan damee Abaaboon, Muduraalee fi kuduraaleen dandeettii qabdu, caalaatti guddisuuf mootummaan damee dhuunfaaf haala mijataa uumuusaa ibsaniiru.
Kanaanis damicha Sadarkaa Idil-Addunyaatti, Imaammata Qonnaa fi misooma baadiyaa akkasumas tarsiimoon Abaaboo, Muduraa fi Kuduraa bocamee hojiitti galamuu eeraniiru.
Itiyoophiyaan Omishaalee Hortii Kaalcherii gara Alaatti ergiturraa galii sharafa Alaa olaanaa jiraachuu ibsuun, agarsiisni daldalaa kun Omishtoota warra bitattoota Addunyaa waliin kallattiin walitti fiduun akka riqicha guddaatti tajaajila jedhaniiru.
Itiyoophiyaan yeroo ammaa Afriikaa keessaa Keeniyyaatti Aanuun Abaaboo Omishuu fi gara Alaatti erguun biyya 2ffaa ta’uushee ibsuun, dameen kun guddina walii gala biyyattii (GDP) argannoo sharafa alaatiif gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu eeraniiru.
Daarektarri waldaa Omishtootaa fi Al-Ergitoota Abaaboo , Kuduraa fi Muduraa ItiyoophiyaaObbo Naggaa Mokaanninti gamasaaniin Eksipoon kun, omishaa fi tajaajila beeksisuu bira darbee namoota damee kana keessatti qooda fudhatan bakka tokkotti walitti fiduun tumsa(hidhata) daldalaa cimsuuf akka kaayyeffate ibsaniiru.
Dameen Hortiikaalcherii Bunatti aansuun madda sharafa Alaa guddaa Itiyoophiyaa ta’uusaa eeruun, bara baajataa darbetti Dinagdee biyyaatiif doolaara miiliyoona 564 tuqaa 89 galii argamsiisuusaa ibsaniiru.
Daaretarri Bulchiinsa tajaajila fe’umsaa daandii qilleensa Itiyoophiyaa Obbo Darajjee Daraaroo Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa damee Aviyeeshinii Afriikaa keessaa dursaa ta’e , oomishaalee Abaaboo fi muduraalee gabaa Addunyaatiif dhiyeessuurratti gumaacha guddaa taasisaa akka jiru ibsaniiru.
Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Neezerlaandi KiristiinPeereen , Itiyoophiyaa fi Neezerlaandis michummaa seenaa qabeessaa fi tumsa yeroo dheeraa qabaachuusaanii ibsaniiru.
Industiriin, Misooma Abaaboon, Invastimentiin, Cehumsa beekumsaa fi Teekinooloojiin , akkasumas deeggarsa ogummaa taasisuun, gumaacha gochaa jiraachuu eeranii, fuuldurattis tumsi hunda galeessa isaanii caalaatti cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru.
Agarsiisa daldalaa guyyoota sadiif turu kanarrtti, biyyoonni 50 ol kan bakka bu’an yoo ta’u Omishtoota, dureeyyota biyya keessaa fi biyya Alaa, dhiheessitoota teekinooloojii fi dhaabbileen faayinaansii 150 ol ta’an akka irratti hirmaatan beekameera.
Turtichaan dhimmoota faayidaa olaanaa qaban kanneen akka hubannaa nam-tolchee(AI), Faayinaansii itti fufinsa qabu, Wabiinyaataa, Loojistiksii fe’umsa Galaanaa fi kalaqa Teekinooloojii jijjiirama qilleensa dandamatan irrattti xiyyeefachuun mariiwwan bal’aan akka gaggeeffamu ni eegama.