Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaa fi Saawud Arabiyaan daldalaa fi carraa Gabaa irratti mari'atan

Bitootessa 16/2018 (ENA): Itiyoophiyaa fi Saawud Arabiyaan daldalaa fi carraa Gabaa irratti mari'atan

Yaa’iin Ministiroota Dhaabbata Daldala Addunyaa (WTO) 14ffaan yeroo ammaa Kaameeruun magaalaa Yaawundeetti gaggeeffamaa jira.

Konfiraansii kana cinatti Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa Naannawaa Dr. Kaasahuun Gofee itti aanaa bulchaa waliigalteewwanii fi dhaabbilee idil-addunyaa Sa’uudii Arabiyaa fi dursaa garee marii, Fariid Al-Asaalii waliin dhimma biyyoota lamaanii irratti mari’ataniiru.


 

Mariin kun marii daldalaa fi gabaa biyyoota lamaanii gaggeeffamaa jiruu fi karaalee daldala daran cimsuun danda’amu irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera.

Ministirri kun Itiyoophiyaan marii gara WTOtti makamuu dhuma bara 2026tti xumuruuf kutannoo fi qophii ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan Dhaabbata Daldala Addunyaa (WTO)tti makamuuf yaaliin taasiftu xumuramuutti yeroo dhihaatutti, mariin biyyoota lamaanii michoota daldalaa ciccimoo kan akka Saawud Arabiyaa waliin taasifamu guddina dinagdee biyyattii fi sirna daldalaa ishee ammayyeessuuf murteessaa ta’ee akka ilaalamu ibsaniiru.


 

Baatii Eebila dhufu Jenevaatti kan gaggeeffamu walgahiin garee hojii dura marii teeknikaa waliigaltee gabaa biyyoota lamaanii xumuruuf taasifamu saffisiisuuf waliigalaniiru.

Tattaaffiin dippilomaasii kun Itiyoophiyaan sirna daldala addunyaa keessatti akka makamtu kan saffisiisu yoo ta’u, faayidaa daldalaa biyyattii daran kan guddisu ta’uu odeeffannoo ENA’n Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhaminsa Naannawaa irraa argate ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015