Tamsaasa Kallatti:

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa galma biyyaalessaa kaa’ame galmaan ga’uuf kan dandeessisu qophiin taasifamaa jira

Bitootessa 16/2018 (ENA): Qindeessaan Koree Teeknikaa Ashaaraa Magariisaa Dr. Addafiris Warquu, galma biyyoolessaa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara 2018tti kaa’ame galmaan ga’uuf qophiin bu’a qabeessa taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Qindeessaan kun turtii ENA waliin taasisaniin akka himanitti, Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara kanaa bara xumuraa marsaa jalqabaa waan ta’eef qophiin xiyyeeffannoo addaatiin gaggeeffamaa jira jedhan.

Sagantaa bara kanaatiin akka biyyaatti biqiltuu biiliyoona 7.5 ol dhaabuuf karoorri qabamee hojiin qophaa’inaa hojjetamaa jira jedhan.

Muuxannoo waggoota darban keessatti argaman babal’isuudhaan biqiltuu firii babal’isuuf, gosoota biqiloota mandhalee ta’an baay’isuuf, gosoota biqiltootaa adda addaa dhaabuuf tattaaffiin taasifamaa akka jirus ibsaniiru.

Hojiin yeroo Bonaa hojjetame iddoowwan dhaabbii adda baasuu, kunuunsa biyyee fi bishaanii bakka murtaa’etti gaggeessuu, biqiltuuwwan haala qilleensa naannoo waliin walsimu dhaabuu, akkasumas kaartaa bakka murtaa’etti qopheessuu bal’inaan raawwatamuu beeksisaniiru.


 

Haaluma kanaan, Naannoleetti hanga ammaatti lafti biqiltuu dhaabuuf oolu heektaara miiliyoona 2.5 adda baafame ta’uu eeruun, hanga ammaatti buufatawwan biqiltuutti biqiltuu kuma 110 baay’isuun danda’ameera jedhani.

Sagantaan dhaabbii bara kanaa akka biyyaatti biqiltuu biiliyoona 7.5 ol dhaabuuf kan karoorfame yoo ta’u, hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 6.1 qophaa’uu ibsaniiru.


 

Yeroo hafe keessatti hojiin kunuunsaa akka raawwatamu eeruun, qophii boollaa dabalatee hojiiwwan biroo akka raawwataman ibsaniiru.

Gochi kanaan dura rooba Gannaa qofa eeggachuu jijjiiramuu eeruun, kunis biqiltuuwwan yeroo roobaa dheeraa akka argatan kan taasisu yoo ta’u, kunis saffisa biqiluu isaanii haalaan akka dabalu ibsaniiru.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa amma aadaa ummataa ta’aa akka jiru hubachiisuudhaan, hojiin miira abbummaa lammiilee guddisuu fi biqiltuu dhaabame kunuunsuu cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015