Dhaqqabamummaa Faayinaansii babal’isuuf hojiileen eegalaman akka milkaa’aniif dhaabbileen qusannaa fi liqaa itti gaafatamummaa olaanaa bahachuu qabu - ENA Afaan Oromoo
Dhaqqabamummaa Faayinaansii babal’isuuf hojiileen eegalaman akka milkaa’aniif dhaabbileen qusannaa fi liqaa itti gaafatamummaa olaanaa bahachuu qabu
Bitootessa 16 /2018 (ENA) : Dhaqqabamummaa Faayinaansii babal’isuuf hojiileen eegalaman akka milkaa’aniif dhaabbileen qusannaa fi liqaa itti gaafatamummaa olaanaa bahachuu qabu Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dr. Iyyoob Takkaallinyi.
Waldaan Dhaabbilee qusannaa fi liqaa Itiyoophiyaa, dhiyeessii faayinaansii,hirmaachisummaa fi dhaqqabamummaa irratti kan xiyyeeffate waltajjii idil addunyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti komishinii dinagdee Afrikaa gaggeessaa jira.
Walgahiin kuni har’a dabalatee guyyoota sadiif kan gaggeeffamu yoo ta’u bakka bu’oonni indaastirichaa, ogeeyyiin, michoonni misoomaa fi qooda fudhattoonni hirmaataa jiru.
Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dr. Iyyoob Takkaallinyi wayita sana akka himanitti, Dhaabbileen qusannaa fi liqaa oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bultootaa guddisuu keessatti gahee addaa qabu jedhani.
Dandeettii dinagdee dubartootaa, dargaggootaa fi hawaasa horsiisee bultaataa guddisuu keessatti gahee olaanaa akka qabanis ibsaniiru.
Bulchaan kun carraa dhaabileen qusannaa fi liqaa hojii uumuu keessatti gahee olaanaa akka qaban ibsuun, hiyyummaa hir’isuu fi badhaadhinaaf gumaacha olaanaa taasisaniiru jedhani.
Mootummaan hojiiwwan jijjiirama dijitaalaa sirna faayinaansii bu’uura kaa’an hojiirra oolchaa jiraachuu ibsuun, tajaajilli faayinaansii dijitaalaa, filannoowwan daddabarsa maallaqa moobaayilaa,fi xiyyeeffannoon kalaqa damichaa irratti kennamu dhaabbileen qusannaa fi liqaa caalaatti bu’a qabeessa akka ta’aniif carraa gaarii akka uume eeraniiru.
Baankiin Biyyaalessaa bu’uuraalee seeraa dhaabbileen qusannaa fi liqaa caalaatti bu’a qabeessa akka ta’aniif haala dandeessisu uumuu fi hojiirra oolchuuf akka hojjetus mirkaneessaniiru.
Fandii Misooma Qonnaa Dhaabbata Idil addunyaatti Daariktarri Itiyoophiyaa Maawiiraa Chitimaa akka himanitti, dhaabbatichi qusannaa fi liqaa Itiyoophiyaa keessatti socho’an waliin dhaqqabummaa faayinaansii irratti hojjechaa tureera jedhani.
Itiyoophiyaatti waggoota 25 darban keessatti bu’aa olaanaa dirree kanaan arguu dandeenyeerra kan jedhan daarektarichi, dhaqqabummaa faayinaansii baadiyyaa irrattis fooyya’iinsa guddaa argineerra jedhani.
Daarektarri Olaanaa Waldaa Dhaabbilee qusannaa fi liqaa Itiyoophiyaa obbo Tashooma Kabbadaa gama isaaniin akka himanitti ,Dhaabbileen qusannaa fi liqaa kutaalee hawaasaa hedduu bira gahuu kan danda’an ta’us, waan eegame caalaa hojjechuun nurraa eegama jedhaniiru.
Dhaabbilee faayinaansii ammayyeessuun dorgomaa ta’uu irratti caalaatti hojjechuu akka qaban hubachiisuun, kanarrattis waldichi xiyyeeffannaa kennaa akka jirus dubbataniiru.