Tamsaasa Kallatti:

Paartileen siyaasaa naannicha keessatti socho’an filannoon waliigalaa karaa nagaa, haqa qabeessaa fi dimokiraatawaa akka gaggeeffamuuf dammaqinaan hirmaachaa jiru

Bitootessa 15/2018 (ENA): Filannoon waliigalaa karaa nagaa, haqa qabeessaa fi dimokiraatawaan akka gaggeeffamuuf paartileen siyaasaa naannoo Oromiyaa keessatti socho’an dammaqinaan hirmaachaa akka jiran Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa beeksise.


 

Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa mata duree “Filannoo fi Gahee Paartilee Siyaasaa” jedhuun paartilee miseensa ta’aniif leenjii kenneera.

Kanuma waliin Dura Taa’aan Mana Maree Waloo Paartiilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa obbo Salamoon Taaffasaa filannoon waliigalaa 7ffaa karaa dimokiraatawaa, haqa qabeessa, amanamaa fi dimokiraatawaa ta’een akka gaggeeffamuuf paartileen siyaasaa mana maricha waliin hidhata qaban dammaqinaan hirmaachaa akka jiran ibsaniiru.

Filannoon karaa dimokiraatawaa, haqa qabeessa, amanamaa fi dimokiraatawaan akka gaggeeffamuuf paartileen siyaasaa ga’ee isaanii sirnaan ba’aa jiraachuus ibsaniiru.

Adeemsi filannoo dimokiraatawaa ta’ee akka itti fufuuf miseensonni Mana Maree Waloo hirmaannaa dammaqinaan ni cimsa jedhaniiru.

Itti dabaluunis miseensonni Mana Maree Waloo aangoon kan argamuu danda’u karaa dimokiraatawaa qofa ta’uu amanuudhaan qooda fudhattoota biroo waliin qindoominaan hojjechaa akka jiran ibsaniiru.

Filannoon kun paartilee murtaa’an qofaan bu’a qabeessa waan hin taaneef qooda fudhattoonni hundi waliin hojjechuu akka qabanis dubbataniiru.

Paartileen siyaasaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaatan dorgommii fi tumsa irratti hundaa’uun adeemsa filannoo irratti hirmaachuu akka qabanis ibsaniiru.


 

Paartileen siyaasaa waltajjicharratti hirmaatan gama isaaniitiin akka himanitti, filannoo waliigalaa 7ffaa adeemsifamaa jiruun hojii gaarii hojjechaa jiraachuu isaanii ibsaniiru.

Paartileen siyaasaa waldorgoman rakkoolee dhuunfaan isaan mudatan irra aanuuf akka gareetti siyaasa keessatti hirmaachuu akka qabanis dubbataniiru.

Filannoon kun haqa qabeessaa fi bilisa ta’een akka gaggeeffamuuf ummanni, paartileen siyaasaa fi mootummaan waliin hojjechuu akka qabanis dubbataniiru.

#Ena Afaan Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015