Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Harariitti dargaggoonni filannoon dura hirmaannaa cimaa taasisaa jiru

Bitootessa15/2018(ENA)-Naannoo Harariitti dargaggoonni filannoon dura hirmaannaa cimaa taasisaa jiraachuu Federeeshiniin Dargaggoota ibse.

Akkaataa sagantaa Boordiin Filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa baaseen, filannoo walii galaa 7ffaa Caamsaa 24 bara 2018 gaggeessuuf, galmee filattootaa fi hojiiwwan filannoon duraa biroo raawwachaa jira.

Pirezidaantiin Federeeshinii dargaggoota Hararii Dargaggoo Rastam Umar ENA waliin turtii taasiseen akka ibsetti, Federeeshinichi dameelee adda addaatti, dandeettii fi hubannoo dargaggootaa dagaagsuurratti hedduu hojjechaa jira.

Dargaggoonni keessumaa Barnootaa fi Fayyaan, Nageenya Naannoo eegsisuunii fi hojiilee tola ooltummaa biroon hubannaa uumuurra darbee, hirmaannaa ho’aa taasisaa jiraachuu eeraniiru.

Yeroo ammaa dargaggoonni filannoorratti dammaqinaan akka hirmaatan taasisuurra darbee hawaasaaf hojii hubannaa uumuu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Filannoo walii galaa baatii Caamsaa keessa gaggeeffamurratti hubannoo uumuurra darbee dargaggoonni taajjabdoota ta’uun akka hirmaataniif hojiin adda baasuu hojjetamaa jiraachuu ibseera.

Kanaanis dargaggoonni naannicha Aanaalee adda addaatti Filannichi Nagaa qabeessa, Haqa qabeessaa fi bilisa ta’ee akka xumuramuuf gahee taajjabdummaasanii ni bahu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015