Tamsaasa Kallatti:

Gondar mallattoo boonsituu Itiyoophinotaa, agarsiiftuu sabdaneessummaa, magaalaa addaa durii fi ammayyummaa waliin wal simsiisuun kuulamte dha.

Bitootessa 15/2018 (ENA): Gondar mallattoo boonsituu Itiyoophinotaa, agarsiiftuu sabdaneessummaa fi magaalaa addaa durii fi ammayyummaa waliin wal simsiisuun kuulamtedha jedhan itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa.

Obbo Tamasgeen Xurunaan ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin dabrsaniin, magaalaa seena qabeettii Gondar kan kuusaa seenaa, dhaloota aartii fi qaroominaa taate seenneerra jedhan.



ulchaan Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Amaaraa, hoggantoonni olaanoo naannichaa, hoggantoonni bulchiinsa magaalichaa, akkasumas ummanni magaalaa Gondar, kan arjummaa fi hubannoo isaaniitiin beekaman, "Keessummaan kan Waaqayyooti," jechuun Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Mootii Teewoodiroos keessatti simannaa ho'aa fi kabajaa nuuf taasisaniif galata onnee koo irraa madden dhiyeessaafii jedhaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015