Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Harariitti Buufataalee Boba’aa lama karaa seeraan alaa boba’aa osoo gurguranii argamanirratti tarkaanfiin fudhatame

Bitootessa 15/2018(ENA) - Naannoo Harariitti Buufataalee Boba’aa lama gatii mootummaan murteesseen olitti akkasumas karaa seeraan alaa boba’aa osoo gurguranii argamanirratti tarkaanfiin fudhatamuu ejensiin misooma daldalaa naannichaa beeksise.

Hogganaan ejensii misooma daldalaa naannichaa Shariif muummee akka ibsanitti, buufataaleen boba’aa tarkaanfiin iratti fudhatame lamaan gatii mootummaan murteesseen olitti gurguruudhaan akkasumas gabaa idileen alatti dhoksaan osoo gurguranii argamuusaaniitiini.

Buufataaleen boba’aa lamaan gocha kanarraa akka of qusatan dinniinni afaanii fi barreeffamaa kennamuufis gochasaaniirraa of qusachuu akka hindandeenye ibsaniiru.

Haala Kanaan baatilee itti fufan jaha oomisha boba’aa kamiyyuu akka hin gurgurre godhamaniiru jedhaniiru.

Hordoffii fi to’annoon gurgurtaa boba’aa irratti taasifamu cimee akka itti fufus hogganaan kun beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015