Tamsaasa Kallatti:

Wiirtuun tajaajila bakka tokkoo ‘Masoob Addis’ bu’aa bayii tajaajilamtootaa hambisuun bu’a qabeesummaa mirkaneessaa jira-Kantiibaa Adaanech Abeebee

Bitootessa 15/2018(ENA)- Wiirtuun tajaajila bakka tokkoo ‘Masoob Addis’bu’aa bayii tajaajilamtootaa hambisuun bu’a qabeesummaa bulchiinsa gaarii mirkaneessaa akka jiru Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.

Kantiibaa Adaanech Abeebee wiirtuu tajaajila bakka tokkoo dijitaalaa Addis ‘Masoob’ 3ffaa dame Lidataa eebbisanii hojii eegalchiisaniiru.

Haalli qulqullinaa fi bu’a qabeessummaa tajaajiloota mootummaa eegsisu uumamaa akka jiru kantiibaa Adaanech Abeebee wayita kana dubbataniiru.

Waliin gahiinsi tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob bu’aa bayii lammiileerra gahu hambisuun itti quufinsa tajaajilamtootaa fooyyessaa jira jedhaniiru.

Qulqullinaa fi bu’a qabeessummaa tajaajiloota wiirtuu kanatti kennamanii eegsisuun hojmaatilee badaa guutummaatti hambisuun akka danda’ame dubbataniiru.

Gaaffii bulchiinsa gaarii lammiileef furmaata kennuusaas ibsaniiru.

Wiirtuleen tajaajila bakka tokkoo dijitaalaa Addis Masoob Finfinneetti ijaaraman tajaajiloota bulchiinsa magaalaa si’achiisuun itti quufinsa tajaajilamtootaa guddisaa akka jiru kaasaniiru.

Fuulduras hojiin itti quufinsa tajaajilamtootaa fooyyessuuf hojjetamu cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015