Miidiyaaleen Gabaasa tokkummaa sab-daneessummaa cimsanii fi dantaa biyyaalessaa kabachiisan hojjechuu qabu - ENA Afaan Oromoo
Miidiyaaleen Gabaasa tokkummaa sab-daneessummaa cimsanii fi dantaa biyyaalessaa kabachiisan hojjechuu qabu
Bitootessa15/2018(ENA) : Gabaasni Miidiyaalee tokkummaa Sa-daneessummaa kan jabeessuu fi faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kan kabachiisuu, ragaalee qabatamoorratti kan hundaa’e ta’uu akka qabu hayyoonnii fi ogeeyyiin damichaa ibsan.
Hayyuun Saayinsii Siyaasaa fi Quunnamtii Addunyaa Piroofeesar Biruuk Haayiluu turtii ENA waliin taasisaniin akka ibsanitti, Miidiyaaleen adeemsa ijaarsa biyyaa keessatti gahee olaanaa qabu jedhani.
Miidiyaaleen humna biyya ijaaruu qabaachuusaanii ibsuun,itti fayyadamni Miidiyaa keenyaa of-eeggannoonii fi tas-gabbiin kan guutame ta’uu qaba jedhaniiru.
Dhaabbileen kunneen itti gaafatamummaan yoo hogganamuudhaa baatan, miidhaan geessisan guddaa ta’uusaa eeruun, ogeeyyii fi dhaabbileen qabiyyee tokkummaa hawaasaa fi walitti hidhaminsa, obbolummaa fi walooma cimsanirratti xiyyeeffachuu akka qaban kaasaniiru.
Birmadummaan biyyaa fi Dantaan biyyaalessaa Itiyoophiyaa ajandaasaanii jalqabaa ta’uu akka qabu ibsuun, gabaasonni odeeffannoo qabatamaarratti kan hundaa’an ta’uu akka qaban dubbataniiru.
Ogeeyyiin damichaa gabaasota tokkummaa sa-daneessummaa jabeessan beekumsaa fi itti gaafatamummaan hojjechuu qabu jedhaniiru.
Itiyoophiyaatti jijjiiramaa booda lakkoofsi dhaabbilee Miidiyaa dabaluusaanii fi haalli mijataan uumamuusaa kan ibsan Pirofeesar Biruuk, guddina Miidiyaaleef carraan baname gabaasa naamusa ogummaan deeggarame hojjechuun cimsuu qabu jedhaniiru.
Hojii gaggeessaan Raadiyoo Ahaduu Gaazexeessaa Xibabuu Ballaxaa gamasaaniin, dhaabbileen Miidiyaa badhaadhina biyyaaf, misooma hawaasaa fi ijaarsa nageenyaaf adda durummaan hiriiruu akka qaban ibsaniiru.
Biyyaa ol kan ta’e hin jiru kan jedhan gaazexeessaa Xibabuun, Miidiyaaleen imaammata Iditoriyaaliisaanii dursa faayidaa biyyaalessaaf oolchuu akka qaban dubbataniiru.
Guddinaa fi misooma Itiyoophiyaa madaalurra ga’uuf Miidiyaaleen adeemsicha saffisiisuun gahee isaanii bahachuu qabu jedhaniiru.