Tamsaasa Kallatti:

Ayyaanni Shuwwaal Iid haala ho’aa fi tokkummaatiin kabajama

Bitootessa 15/2018 (ENA) : Dargaggoonni magaalaa Harar irraa, yaada isaanii ENA’f kennaniin, ayyaanni Iid Shuwwaal miira tokkummaa fi jaalalaan kabajuuf qophaa’aa akka jiran ibsaniiru.

Ayyaanichi Ayyaana Iid Al-Fxir guyyaa 6ffaa galgala irraa eegalee haala tokkummaa fi ho’aan kan kabajamu yoo ta’u, sagantaalee adda addaa miira obbolummaa guddisan waliin kan kabajamu dha.


 

Sirni kabaja ayyaana Iid Shuwwaal Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti, Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa (UNESCO)’n akka hambaa kiliyyaatti galmaa’uun isaa ni yaadatama.

Ayyaanicha miira tokkummaa, ho’aa fi keessummoota simachuun kabajuuf qophaa’uu isaaniis dargaggoonni kunneen ibsaniiru.

Akka dargaggeessi Ramadaan Yuusuf jedhutti, keessummoonni adda addaa ayyaana Shuwwaal Iid irratti hirmaachuuf gara Harar kan dhufan yoo ta’u, keessummoota simachuu fi keessummeessuuf qophaa’uusaa himeera.

Keessattuu ayyaanni kun aadaa, duudhaa fi hawwata naannichaa beeksisuuf barbaachisaa waan ta’eef keessummoota keenya simachuuf hawwii guddaan eeggachaa jirra jedheera.

Dargaggoo Iduu Abdulaziiz gama isaatiin akka jedhetti, Harar bara kana caalaatti bareedduu fi hawwattuu ta’uu ishee ibsuun, keessummoonni ayyaana Shuwwaal Iid naannoo Harariitti haala ho’aan kabajamu irratti akka hirmaatan waamicha dhiyeesseera.

Shamarree Feeneetii Dursaa gama isheetiin,ayyaana Shuwwaal Iid ayyaana dargaggoonni haala ho’aan kabajatan, aadaa isaanii beeksisan waan ta’eef ayyaana kana kabajuuf hawwii guddaan kan eeggatan ta’uu himteetti.

Akkasumas, sochii aadaa hawaasa Hararii, agarsiisa daandii dabalatee, keessummoota ayyaanicha irratti hirmaatanitti agarsiisuuf qophii taasisuu isaanii ibsiteetti.

Biiroo Aadaa, Turizimii fi Hambaa Naannichaatti Daarektarri Aadaa Iskindir Abdurahman,  Ayyaana Shuwwaal Iid Kan UNESCO’n hambaa kiliyyaa ta’ee galmaa’e kana irratti lakkoofsi daawwattoota biyya keessaa fi biyya alaa irratti hirmaatan waggaa waggaan dabalaa dhufuu ibsaniiru.

Itti dabaluunis, ayyaana Shuwwaal Iid bifa ho’aa adda addaatiin, akkuma kanaan duraa, tokkummaa fi obbolummaa cimsuun danda’amuun kabajuuf qophiin taasifamaa jira jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015