Dambiiwwanii fi qajeelfamoonni qabeenya Dhaabbilee Barnoota olaanaaf kennamu kaayyoo yaadameef oolchuuf dandeessisan qophaa’aniiru - ENA Afaan Oromoo
Dambiiwwanii fi qajeelfamoonni qabeenya Dhaabbilee Barnoota olaanaaf kennamu kaayyoo yaadameef oolchuuf dandeessisan qophaa’aniiru
Bitootessa 14/2018(ENA)- Dhaabbiileen Barnootaa olaanoon qabeenya isaaniif kennamu yeroo fi sirnaan akka bulchanii fi kaayyoo yaadameef akka oolchan danbiiwwanii fi qajeelfamoonni qophaa’uusaanii Deetaan Ministira Barnootaa Koraa Xushnee ibsan.
Danbiiwwanii fi qajeelfamoonni kun Muudama hoggantoota dhaabbilee Barnootaa Olaanaa riitiirratti hundaa’ee fi iftoomina hin qabne hanbisuu akka danda’anis ibsameera.
Ministeerri Barnootaa Qajeelfama ramaddii hoggansa dhaabbilee Barnootaa olaanaa, qajeelfama ce’umsaa ofiin of bulchuu (autonomy) Dhaabbiilee Barnootaa Olaanaa mootummaa fi danbii baajata walatti qabaa (block grant) dhaabbiilee Barnootaa olaanaa fi qooda fudhattoota waliin waltajjii marii qopheesseera.
Deetaan Minsitira Barnootaa Koraa Xushnee walitajjii sanarratti, akka jedhanitti, mootummaan qulqullinaa fi dhaqqabamummaa barnootaa mirkaneessuuf riifoormii sirna hoj-maata barnootaa fulla’aa hojiirra oolchuuf dandeessisan taasiseera.
Kunis Ministeerri Barnootaa Aangoo labsii Barnootaa Olaanoo lakkoofsa 1151/2011n kennameef bu’uura godhachuun, hoggantoota barnnootaa ogummaasaaniin leenji’an, dandeettii fi gahumsa qaban, gara hojiitti fiduu kan dandeessisu ta’uusaa ibsaniiru.
Danbii fi qalfamoonni kunneen dhaabbiileen barnootaa olaanoon qabeenya isaaniif kennamu sirnaan bulchuu fi kaayyoo yaadameef oolchuuf ni dandeessisu jedhaniiru.
Dhaabbiileen Barnoota olaanaa mootummaa gara ofiin of-bulchuutti akka ce’aniif hojmaata ifaa ta’uu ibsuun, birmadummaa akkaadamii kan mirkaneessu ta’uusaa himaniiru.
Qajeelfamni Pirezidaantonnii fi Itti -Aantonni Pirezidaantota dhaabbilee Barnootaa olaanoo ittiif filataman, beekumsaa fi muuxannoorratti kan hundaa’ee fi hojii yeroo dheeraa fudhateen sanada qophaa’e ta’uusaa dubbataniiru.
Muudamni hoggantoota dhaabbilee barnootaa olaanaa Danbii fi qajeelfamoonni ariitiin kan guutamee fi hanqina iftoominaa kan qabu akka ta’e ibsaniiru.
Danbiin baajata walii galaa dhaabbilee barnoota olaanaa Mootummaa of-bulchanii, dhaabbiileen baajata ramadameef sirnaan akka fayyadamanii fi madda faayinaansiisaanii akka bal’ifatan carraa kenna jedhaniiru.