Tamsaasa Kallatti:

Waldaaleen Hojii Gamtaa rakkoo Hawaas-Dinagdee furaa jiraachuun ibsame

‎ Bitootessa 14/2018(ENA)-Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaatti Waldaalee Hojii Gamtaa rakkoo Hawaas-Diinagdee furuu fi Gabaa tasgabbeessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuusaa Itti Gaafatamaan Waldaa Hojii Gamtaa Godinichaa Obbo Girmaa Geetaachoo ibsaniiru.

Godinichatti Gabaasni bu’aa hojii riifoormii Waldaalee Hojii Gamtaan waggoottan darban hojjetameen argamee dhihaateera.

Waldaalee bittinnaa’an gara tokkotti fiduun karaa gurmaa'een dandeentiisaanii cimsuu fi ammayyeessuun rakkoo Hawaas-Dinaagdee furuu keessatti gahee olaanaa qabachuu obbo Girmaan himaniiru.


 

Hogganaan Biiroo Ejensii Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo Mohaammed Kamaal, Bulchaan Bulchiinsa Godina Shawaa Kaabaa Obbo Kifaloo Adaree, Hoggantoonni Godinaa fi Aanaa damichaa fi Koreen Waldaalee waltajjicharratti Argamaniiru.

Hogganaan Biiroo Ejensii babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo Mohaammad Kamaal akka ibsanitti, akka Oromiyaatti riifoormii gama waldaa hojii gamtaan hojjetameen waldaalee kuma 20, miseensota miliyoona 17, Yuuniyeenii 117 qaban kappitaala birrii biiliyoona 20 ol kan horatan ta'uu ibsuuniiru.

Bu'uuruma Kanaan Hojiileen Godina Shawaa Kaabaa keessatti gama Waldaa Hojii Gamtaan Hojjetaman daran olaanaa ta'uu ibsaniiru.


 

Waldaaleen Hojii Gamtaa rakkoolee sadarkaa nama dhuunfaatti hiikamuu hin danda'amne waloomaan hiikuu, dhiyeessii baballisuu, gabaa tasgabbeessuun jiruu fi jireenya miseensotasaa fooyyeessuun cinaatti sochii dinagdee biyyaa keessatti gaheesaa bahachaa jiraachuu ibsaniiru.


 

‌‎ Bulchaan Godina Shawaa Kaabaa Obbo Kifaloo Adaree, Riiformii Waldaalee Hojii Gamtaa keessatti waggoottan darban taasifameen godinichatti, rakkoowwan waldaalee keessatti mul'atan furuun humna waldaalee cimsun qooda Waldaaleen Diinagdee biyyaa keessatti qaban akka bahatan gochuuf hojii gurguddaan hojjetamuusaa ibsaniiru.

Waajjira koomunikeeshinii Godina Shawaa kaabaarraa ‎

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015