Tamsaasa Kallatti:

Tajaajila odeeffannoo meetirooloojii ammayyeessuun faayidaa inni kennu guddisuuf hojiin dandeessisu hojjechuun cimee itti fufa

Bitootessa 14/2018 (ENA): Tajaajila odeeffannoo meetirooloojii ammayyeessuun faayidaa inni kennu guddisuuf hojiin dandeessisan eegalaman cimanii itti fufu jedhe Inistituutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa.

Inistiitiyuutichi guyyaa Meetirooloojii Addunyaa Itiyoophiyaatti yeroo 45ffaaf kabajamu mata duree “Har’a Ilaaluu, Boru Tiksuu” jedhuun kabajaa jira.


 

Jijjiiramni qilleensaa guddina hawaasummaa fi dinagdee addunyaa irratti dhiibbaa hamaa geessisaa jira jedhan Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Meetirooloojii Itiyoophiyaa fi Pirezidaantii Waajjira Ardii Afrikaa Dhaabbata Meetirooloojii Addunyaa Faxxanaa Tashoomaa.

Kanaafuu, kenniinsa tajaajila odeeffannoo meetirooloojii cimsuun dhiibbaa inni geessisu salphisuun dhimma ijoo ta’uu qaba jedhaniiru.

Misooma saffisaa Itiyoophiyaan galmaan ga’aa jirtu itti fufsiisuuf odeeffannoon meetirooloojii murteessaa ta’uu eeruu, Inistiitiyuutichi tajaajila teeknooloojii ammayyaatiin deeggaramee kennuuf dandeettii ijaaruuf ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Keessattuu bu’uuraalee ijaarsa dandeettii haala michoota hirmaachisuun babal’isuu, teeknooloojiiwwan ammayyaa fayyadamuu, humna namaa guddisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.


 

Itti dabaluunis guyyaan Meetirooloojii Addunyaa 45ffaan Itiyoophiyaatti kabajamu hojii kana daran cimsuu fi dhaqqabummaa babal’isuuf carraa kan uumu ta’uu ibsaniiru.

Inistiitiyuutichi saayinsii meetirooloojii ammayyaa irratti hundaa’uun har’a odeeffannoo fooyya’aa kennuudhaan guyyaa borii fooyya’aa ijaaruuf hojiiwwan qorannoo fi misoomaa adda addaa gaggeessaa akka jirus ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015