Boordiin Filannoo Biyyaalessaa kaadhimamtootaafi paartilee siyaasaa waraqaa sagaleen ittiin kennamu irratti sagantaa carraa buusuu gaggeessaa jira. - ENA Afaan Oromoo
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa kaadhimamtootaafi paartilee siyaasaa waraqaa sagaleen ittiin kennamu irratti sagantaa carraa buusuu gaggeessaa jira.
Bitootessa 14/2018 (ENA): Maqaa fi mallattoo paartilee siyaasaa fi kaadhimamaa dhuunfaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaatti galmaa’an qindeessuuf carraan gaggeeffamaa jira.
Walitti qabduu Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa aadde Meelaatewarqi Hayiluu, wayita sana akka ibsanitti, filannoo waliigalaa torbaffaaf hojii qophii barbaachisaa ta’e raawwachaa jiraachuu himaniiru.
Adeemsa kana keessatti waldaalee siivikii, paartilee siyaasaa, miidiyaalee, qaamolee nageenyaa fi qooda fudhattoota biroo waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuus beeksisaniiru.
Tokkoon tokkoon naannoo filannootti galmeen kaadhimamaa paartilee siyaasaa xumuramuu fi tarreen dorgomtootaa ifatti maxxanfamuu kan ibsan walitti qabduun kuni, komii dhiyaateefis deebii kennaa jiraachuu ibsaniiru.
Yeroo ammaa galmeen filattotaa gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, akka ragaan guyyoota afur dura qindaa’etti lammiileen miiliyoona 18 ol filachuuf galmaa’aniiru.
Walitti qabduun boordichaa adeemsi galmee dijiitaalaa fi harkaan raawwatamaa akka jiru ibsuun, naannolee rakkoon sirnaa fi neetworkii qaban keessatti galmeen harkaan raawwatamaa jira jedhani.
Buufata filannoo kuma 46 fi 757 keessatti meeshaaleen filannoo raabsamuus ibsaniiru.
Dhaabbilee siyaasaa boordii kanarratti galmaa'an 47’n kaadhimamtoonni 10,934 kan dhiyaatan yoo ta'u, isaan keessaa 2,998 Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa, 8,736 ammoo bakka bu'oota naannoo ta'uun ni beekama.
Kaadhimamtoonni 73 dhuunfaan dorgomuufis galmaa’aniiru.