Damee Geejjibaa faalama naannoorraa bilisa gochuuf hojiiwwan hojjetamaniin bu’aawwan abdachiisoon galmaa’aniiru. - ENA Afaan Oromoo
Damee Geejjibaa faalama naannoorraa bilisa gochuuf hojiiwwan hojjetamaniin bu’aawwan abdachiisoon galmaa’aniiru.
Bitootessa 14/2018(ENA): Itiyoophiyaatti damee Geejjibaa faalama naannoorraa bilisa kan ta’e gochuuf hojii hojjetameen bu’aan abdachiisaan galmaa’uu Deetaan Ministira Geejjibaa fi Loojisktiksii Bari’oo Hasan ibsan.
Itiyoophiyaan bu’uuraalee misoomaa Geejjibaa fi Loojistiksii, geejjiba Magaalaa fi Teekinooloojii Magariisaarratti xiyyeeffannoo taasisuun sirni Geejjibaa itti fufinsa qabu diriirsuuf hojjechaa jirti.
Kana deeggaruuf, tajaajila konkolaataa madda Annisaa Haaromfamaatti fayyadamanii babal’isuu fi damicha jajjabeessuun gaasii faalamaa(summaa’aa) konkolaattorraa gadhiifamu hir’isuu ni dandeessisa.
Deetaan Ministira Geejjibaa fi loojiktiksii Bari’oo Hasan turtii ENA waliin taasisaniin akka ibsanitti, waggoottan muraasa darban, damichi naannoo akka hin faallee taasisuuf hojiiwwan hedduun hojjetameera jedhaniiru.
Qaamolee Konkolaataa Elektiriikii galchanii fi suphaniif (Assemble) godhaniif imaammanni qophaa’ee hojiirra oolaa jiraachuu eeruun, kanaanis qaraxarraa bilisa taasisuu dabalatee deeggarsi adda addaa taasifamaa jiraachuu kaasaniiru.
Konkolaattonni boba’aa fayyadaman abbaa gommaa lamaarraa hanga Konkolaataa uummataa fi fe’umsaa gurguddaatti gara biyya keessaatti akka hin seenneef dhorkamuu dubbatniiru.
Tarkaanfiin kun kutannoo Itiyoophiyaan Eegumsa Jijjiirama Qilleensaa Addunyaaf qabdu kan mul’isudha jedhaniiru.
Karoora Misoomaa tarsiimawaa waggaa 10 keesatti, sadarkaa biyyaalessaatti konkolaattota kuma 500 ol madda Annisaa Haaromfamaa akka fayyadamani gochuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Yeroo ammaa lokkoofsi Konkolaattota Annisaa Haaromfamaa fayyadamanii kuma 115 ga’uusaa dubbataniiru.
Waggoottan muraasa darban damee Geejjibaa faalama naannoorraa bilisa kan ta’e gochuuf hojii hojjetameen bu’aawwan jajjabeessoon galmaa’uu hubachiisaniiru. Imaammanni konkolaataa Elektirikaa, sektarichi geejjibni faalama naannoo akka hin uumne gochuu bira darbee, Madda Anniisa Haaromfamaarratti Xiyyeeffannon akka taasifamuufi hirkattummaa boba’aa hir’isuun danda’amuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaa Keessatti Maddawwan Anniisaa Haaromfamaa Kanneen akka Annisaa qilleensaa, Annisaa Bishaanii(Hydro-electiric),gaasii uumamaa fi kanneen biroon bal’inaan jiraachuunsaanii ce’umsa konkolaattota boba’aarraa gara konkolaattota Elektirikaatti taasifamu amansiisaa taasisuu eeraniiru.