Tamsaasa Kallatti:

Manchistar Siitiin yeroo 9ffaaf Waancaa Karabaa’oo mo’ate

Bitootessa14/2018(ENA)-Tapha xumuraa Waancaa Karabaa’oo Ingilaandi  Maanchistar Siitiin Arsenaaliin 2 fi 0n mo’ateera.

Tapha galgala Istaadiyeemii Weembileeyitti gaggeeffameen Niikoo Oraayiil daqiiqaa 60ffaa fi 64ffaa irratti galchii injifannoo argamsiiseera. 

Maanchistar Siitiin taphni fooya’aa walakkaa 2ffaatti taphate akka injifatu isa taasiseera.

 Arsenaal taphichaan carraa galchii haala ga’aa ta’een uumuu hin dandeenye.

Ministira Muummee Ingilizii fi deeggaraa Arsenaal kan ta’an Saar kiir Istaarmar, Istaadiyeemichatti argamuun taphicha hordofaniiru.

Qabxii argame hordofuun Maanchister Siitiin yeroo 9ffaa waancaa Kaarabaa’oo fudhateera.

Siitiin waancaa 10 kan mo’ate Liivarpuulitti aanuun kilaba milkaa’edha.

 Waancaa afuriif dorgomaa kan jiru Arsenaal Waancaa tokko dhabeera.

  Abdii waggaa 33 booda waancaa Karabaa’oo injifachuuf qabu hin milkoofneef.

Arsenaala Ammaan dura dorgomicha yeroo lama injifatee ture.

Liigichaan Arsenaalii fi  Maanchistar Siitiin tokkoffaa fi lammaffaarratti argamu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015