Tamsaasa Kallatti:

Hojiin dhaloota beekumsaan guddate horachuu hojjetamaa jiru cimee itti fufa

Bitootessa 13/2018 (ENA): Milkaa’ina imala badhaadhina biyyattiif dhaloota beekumsaa fi qorannoon guddate horachuu hojiin cimee itti fufa jedhan Bulchaan Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Hararii obbo Ordiin Badiriin.

Kolleejjiin Saayinsii Fayyaa fi Meedikaalaa Yuunivarsiitii Haramayaa barattoota damee barnoota fayyaatiin digrii tokkoffaa, lammaffaa fi sadaffaa leenjisaa ture 616 eebbiseera.

Ergaa yeroo sana dabarsan keessatti Bulchaan Bulchiinsa Naannoo Hararii fi keessummaan kabajaa guyyichaa Ordin Badirii; Hojiin humna namaa gahumsaa fi barate oomishuuf imala biyyattii gara badhaadhinaatti taasiftu milkeessuuf murteessaa dha jedhani.

Dhaloota beekumsaa fi qorannoodhaan guddate oomishuuf hojiin hojjetamaa ture cimee itti fufa jedhaniiru.


 

Eebbifamtoonnis yeroo yunivarsiiticha keessa turtan beekumsa ti'ooriidhaan argattan hojiitti jijjiiruun hawaasa tajaajiluu qabdu jedhan.


 

Pireezdaantiin Yuunivarsiitii Haramayaa Dr. Jamaal Yuusuf akka himanitti ; Yuunivarsitichi humna namaa qulqullina qabu kan baratee fi biyyattiin barbaaddu oomishuuf adda durummaan hojjechaa jira jedhani.

Yuunivarsiitichi yeroodhaa gara yerootti dandeettii isaa babal’isuun barsiisa, qorannoo fi tajaajila hawaasaa bal’aa kennaa jiraachuu ibsaniiru.

Eebbifamtoonni gumaacha dhalootaaf bu’aa buusu gochuun egeree biyyattii ifa taasisuuf itti gaafatamummaa ogummaa isaanii bahachuu akka qabanis dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015