Eebbifamtoonni beekumsa argatanitti fayyadamuun hojii biyyaaf bu’aa buusu hojjechuu qabu - ENA Afaan Oromoo
Eebbifamtoonni beekumsa argatanitti fayyadamuun hojii biyyaaf bu’aa buusu hojjechuu qabu
Bitootessa 13/2018 (ENA): Barattoonni eebbifaman beekumsa argatan hojiitti jijjiiruun hojii ummataa fi misooma biyyaaf bu'aa buusu hojjechuu akka qaban ibsame.
Yuunivarsiitiin Bulee Horaa barattoota 1,266 sagantaalee barnootaa adda addaatiin leenjisaa ture digrii tokkoffaa, lammaffaa fi sadaffaan guyyaa har'aa eebbisiiseera.
Itiyoophiyaa keessatti misooma nageenyaa fi itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf barattoota beekumsa, ogummaa fi naamusa gaarii qaban oomishuuf dursi kennamaa jira jedhan Ministeera Barnootaatti Hojii Gaggeessaa Olaanaa Qorannoo fi Tajaajila Hawaasaa Doktar Saraawwit Handisoo.
Bu’a qabeessummaan barnootaa irra caalaa barattoonni beekumsa horatan gara hojiitti jijjiiruun guddina hawaasaaf furmaata maddisiisuudhaan kan madaalamu ta’uu ibsaniiru.
Kanaaf barattoonni eebbifaman beekumsa horatan gara hojiitti jijjiiruun hojiiwwan ummataa fi biyya fayyadan raawwachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Keessattuu qabeenya naannoo isaanii dameewwan diinagdee biyyaalessaa adda addaa waliin walqabsiisuudhaan carraa hojii uumuu fi of jijjiiruuf carraaquu akka qaban dubbataniiru.
Barattoonni carraaqqii guddaa booda eebbifamuu isaaniitiin baga gammaddan jedhaniiru.
Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Bulee Horaa Dr. Tamasgeen Dabaloo yuunivarsitichi qorannoo ergama isaa deeggaru gaggeessuun qabeenya biyya keessaa madda qabeenya hawaasaa taasisuuf hojjechaa akka jiru hubachiisaniiru.
Yuunivarsiitichi barattoota kuma 14 ol sagantaalee barnootaa adda addaa damee baruu barsiisuutiin leenjisaa kan jiru yoo ta’u, har’a yeroo 15ffaaf barattoota kuma 1 fi 266 digirii tokkoffaa, lammaffaa fi sadaffaan leenji’an eebbisuun isaa ni yaadatama.
Barattoota eebbifaman keessaa kutaa Baayooteknooloojii irraa meedaaliyaa kan badhaafamte shamarree Musliim Lammaa barnoota qofa irratti xiyyeeffachuun milkaa'uu akka dandeesse dubbattetti.
Beekumsa argatte itti fayyadamtee ummataa fi biyya fayyaduu kan itti fuftu ta’uu himteetti.
Kutaa barnoota Faarmaasii irraa meedaaliyaa kan badhaafame Tashoomaa Anaa, beekumsa argate hawaasa isaaf qooduu fi ummata tajaajiluuf akka hojjetu himeera.