Tamsaasa Kallatti:

Guddina ariifachiisaa qonnaa fi anniisaa haaromfamuun Itiyoophiyaan agarsiifte kan ajaa’ibsiifatamu dha.

Bitootessa 13/2018 (ENA): Guddina saffisaa damee qonnaa fi anniisaa haaromfamuun Itiyoophiyaan agarsiifte kan ajaa’ibsiifatamu ta’uu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Baanglaadish Ervas Maarshaal Sitwat himani.

Baanglaadish damee kanarratti Itiyoophiyaa waliin tumsa qabdu guddisuuf fedhii akka qabdus ibsaniiru.

Itiyoophiyaan oomishtummaa qonnaaf haala ikoloojii mijataa ta’een kan eebbifamte yoo ta’u, qonna keessumaa qamadii ajandaa tiraanisfoormeeshinii diinagdee ishee giddu galeessa godhachaa jirti jedhan.

Biyyattiin waggoota muraasa darban keessatti fooyya’iinsa imaammataa, babal’ina misooma jallisii, sirna sanyii fooyya’aa fi sochii bal’aa ta’een guddina ajaa’ibaa galmeessitee jirti jedhan.

Itiyoophiyaani sagantaa misooma qamadii jallisii Bonaa bal’inaan eegaluun oomishtummaa qamadii guddisuutti jirti.

Haala kanaan biyyattiin jijjiirama qonnaa naannichaaf fakkeenya ta’aa jirti kan jedhan, karaa wabii nyaan of danda’uun qofa osoo hin taanee al ergiifis fayyadamaa jiraachuu himaniiru.

Ambaasaaddarichi seenaan milkaa’ina misooma qamadii mul’ata misooma bal’aa Itiyoophiyaa agarsiiftuu guddaa ta’ee kuni, mootummaan muuxannoo isaa biyyoota Baha Afrikaa waliin qooduuf hojjechaa jira jedhani.

Itiyoophiyaan qonna bira darbee gara anniisaa haaromfamuutti ce’uuf kaayyoo guddaa qabdu kan galateeffatan ambaasaaddarichi, kun biyyoota guddachaa jiraniif akka fakkeenyaatti fudhatamuu akka danda’u himaniiru.

Itiyoophiyaan pirojektoota humna bishaanii gurguddaa kan akka hidha haaromsa guddicha Itiyoophiyaa ijaaruun anniisaa qulqulluu wiirtuu tarsiimoo misoomaa akka taasifte ibsaniiru.

Invastimantii humna qilleensaa fi aduu babal’isuun filannoo anniisaa babal’isaa jiraachuus hubachiisaniiru.

Gama biraatiin ammoo, Baanglaadishii fi biyyoonni Afrikaa jijjiirama qilleensaaf saaxilamummaa waloo ta’uu dubbataniiru.

Biyyoonni guddachaa jiran faalama qilleensaaf gumaachi isaanii xiqqaa ta’us, dhiibbaa jijjiirama qilleensaaf saaxilamoo ta’uu isaanii, haqa dhabuu kana jijjiiruuf waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti sagalee waloo isaanii cimsuu qabu jedhan. Kanaafuu, gaasiiwwan manaa gadi lakkifaman hir’isuun egeree waliiniif tarkaanfii qabatamaa fudhachuuf yeroon sirrii ta’uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015