Tamsaasa Kallatti:

Itti aanaan Ministira Muummee Pirojektoota misoomaa adda addaa Naannoo Amaaraa ni daawwatu

Bitootessa 13/2018 (ENA): Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa pirojektoota misoomaa Naannoo Amaaraa daawwachuuf magaalaa Baahir Daar galaniiru.

Itti aanaan Ministira Muummee kun Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Baahir Daar Dajjaazmach Balaay Zallaqaa wayita gahan Hogganaan Naannoo Amaaraa fi kaabineen isaanii, hoggantoonni Bulchiinsa Magaalaa Baahir Daar, abbootiin amantaa, jaarsolii fi jiraattonni magaalaa Baahir Daar simannaa ho'aa taasisaniiruufi.


 

Magaalaa bareedduu Baahir Daar, eebba uumamaa, mallattoo nageenyaa fi bareedinaa, seenaa uumama lalisaa, Haroo Xaanaa fi laga ulfina qabeessa Abbayyaa walitti kan qabattetti argamneerra jedhani obbo Tamasgeen Xurunaan.


 

Abbootii amantaas ta’e jiraattota magaalattiin simannaa isaan taasisaniifiif galata galchaniiru.

Itti aanaan Ministira Muummee turtii isaanii magaalaa Baahir Daar keessatti pirojektoota misoomaa adda addaa ni daawwatu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015