Paartileen siyaasaa yaada isaanii ummata biraan gahachuu akka danda’an haalli mijataan uumameera. - ENA Afaan Oromoo
Paartileen siyaasaa yaada isaanii ummata biraan gahachuu akka danda’an haalli mijataan uumameera.
Bitootessa 13/2018 (ENA): Dhaabbanni Miidiyaa Dirree Dawaa Paartileen siyaasaa filannoo kanarratti hirmaatan yaada isaanii ummata biraan akka gahataniif haala mijataan uumamuu beeksise.
Paartileen yaada imaammataa isaanii ummata biraan gahachuuf filannoo dimokiraatawaa, hirmaachisaa fi nagaa taasisuuf gahee isaanii bahaa jiraachuus ibseera.
Hogganaan Waliigalaa dhaabbatichaa obbo Xaahir Roobilee ENAtti akka himanitti, paartileen siyaasaa filannoo waliigalaa 7ffaa bara kana gaggeeffamu irratti hirmaatan buufataalee televijiinii fi raadiyoo dhaabbatichaa fayyadamuun yaada imaammataa filannoo isaanii ummata biraan akka gahatan taasisaa jirra jedhani.
Yeroo qilleensaa buufataalee irratti hayyamameen alattis, karaaleen miidiyaa hawaasaa dhaabbatichaa imaammata isaanii walqixxummaa fi haqummaan beeksisuuf itti fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru.
Akka hogganaan kun jedhanitti, dhaabbatichi waltajjiiwwan falmii paartileen siyaasaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaataniin gaggeeffamaa jiran ummata biraan gahaa jiraachuu himaniiru.
Falmiin paartii biyya bulchaa jiruu fi paartileen siyaasaa morkattootaa dhimma hawaasummaa fi diinagdee irratti gaggeessan ummata bira akka dhaqqabamu taasifamaa jiraachuu kaasaniiru.
Yaadota filannoo paartilee ummataaf dhaqqabamaa taasisuun filattootni odeeffannoo argatan irratti hundaa’uun paartii barbaadaniif sagalee isaanii akka kennan ni gargaara jedhan.
Leenjiin ijaarsa dandeettii kennameen paartileen siyaasaa filannoo kanarratti hirmaatan hundi haqa qabeessaa fi walqixxummaan akka tajaajilan taasiseera jedhan.
Paartileen sa’aatii qilleensaa dhaabbatichi kennu hafetti fayyadamuun yaada isaanii ummata bira akka ga’atan waamicha dhiyeessaniiru.