Dursi Dubartootaaf kan jedhu Fiigichi Guddichi dubartootaa daandii irraa haala miidhagaan gaggeeffameera – Kantiibaa Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Dursi Dubartootaaf kan jedhu Fiigichi Guddichi dubartootaa daandii irraa haala miidhagaan gaggeeffameera – Kantiibaa Adaanech Abeebee
Bitootessa 13/2018 (ENA): Dursi dubartootaaf kan jedhu fiidichi guddichi daandii irraa kiiloo meetira shanii haala ho’aan gaggeeffamuu kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanechi Abeebeen ibsani.
Kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin "Dubartoonni ogummaadhaan jiraatu; ofitti amanamummaadhaan hojjetu;ofitti amanamummaadhaan fiigu;ni danda'u!; Hundi keenya harka walqabannee badhaadhina biyya keenyaa ni mirkaneessina" jedhan.
Kantiibaan magaalattii fiigicha daandii kiiloo meetira 5 ganama kana eegaluun isaa kan beeksisan yoo ta’u, dubartoonni kuma 16 irratti hirmaataniiru.
Dorgommiin kun, kan waggaa waggaan Fiigicha Guddaatiin qophaa’u; Bara kanas misoomni koridoorii kanaa daandii Boolee-Atlas-Uraa’el irratti xiyyeeffannoo addaatiin kan raawwatame ta’uu isaa hubachiisuun, kunis baay’ee bareedaa, mijataa, magaalaaf bifa haaraa fi ammayyaa ta’e kan kenne ta’uu ibsaniiru.