Tamsaasa Kallatti:

Qonna sadarkaa olaanaatti ceessisuuf, Makaanaayizeeshinii Qonnaaf xiyyeeffannoon olaanaa kennameera - Ministira Addisuu Araggaa

Bitootessa 13/2018(ENA): Qonna sadarkaa olaanaatti ceessisuuf, Makaanaayizeeshinii Qonnaaf xiyyeeffannoon olaanaa kennamee hojjetamaa jiraachuu Ministirri Qonnaa Obbo Addisuu Araggaa ibsani.

Ministirri Qonnaa obbo Addisuu Araggaa akka ibsanitti, diinagdee xiqqaa qonnaa sadarkaa olaanaatti ceesisuuf makaanaayizeeshinii qonnaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa tureera jedhani.


 

Meeshaaleen qonnaa birrii biiliyoona 2.3 olitti tilmaamamu guyyaa har'aa naannoleef raabsameera.

Meeshaalee Raabsaman kunniin Tiraaktaroota 63, Tiraaktaroota harkaa 71, Maashiniiwwan oomisha ruuzii 150, Maashiniiwwan hanqaaquu hammatan 4, Maashiniiwwan bishaan lafa jalaa baasan 5, Paampiiwwan bishaan harkisan (Anniisaa aduun kan hojjetan) 460, Konkolaattota tajaajila dirree15, dhokdhokkeewwan 243, Koompiitaroota (Deeskitooppii fi Laaptooppii) 980 ta’uu ibsameera.


 

Ministirri Qonnaa obbo Addisuu Araggaa Giddugala Gahumsa Makaanaayizeeshinii Ministeera Qonnaa daawwachuun meeshaalee kana hoggantoota qonnaa naannichaaf dabarsanii kennaniiru.

Sirna walharkaa fuudhinsa kanaan qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota makaanaayizeeshinii qonnaa hidhachiisuun hojii mootummaa Ida’amuunr aantummaa olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan dinagdee xiqqaa qonnaa sadarkaa olaanaatti ol guddisuuf jecha makaanaayizeeshinii qonnaaf xiyyeeffannoo guddaa akka kenne ibsaniiru.

Kanaafuu, jijjiirama waggoota darban keessatti sirna nyaataa fi wabii nyaataa mirkaneessuu irratti jijjiiramni guddaan mul’achuu isaa hubachiisaniiru.


 

Meeshaaleen makaanaayizeeshinii qonnaa har’a raabsaman qonnaan bultoota gara sirna qonnaa ammayyaatti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru.

Sirni qonnaa ammayyaa omishaa fi oomishtummaa qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa guddisuu qofa osoo hin taane, qisaasama yeroo fi humna namaa hin barbaachifne akka hir’isu ibsaniiru.

Qulqullina oomishaa fooyyessuudhaan dorgomtummaa idil-addunyaa akka guddisus eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015