Tamsaasa Kallatti:

Atileetonni Itiyoophiyaa dorgommii xumuraa kan irratti hirmaatan

Bitootessa 13/2018 (ENA): Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa 21ffaan mana keessaa har’a xumurama.

Dorgommiin xumuraa meetira 1500 dubartootaa galgala sa'aatii 3:22 irratti ni gaggeeffama.

Atileet Birqee Hayyaaloom Itiyoophiyaa bakka buutee ni dorgomti.

Atileetiin kun Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa mana keessaa irratti yeroo sadaffaaf dorgomti.

Shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa mana keessaa 20ffaa bara 2025 Chaayinaa Naanjiingitti gaggeeffameen dorgommii xumuraa meetira 3000’n 5ffaa baateetti.

Shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa mana keessaa 19ffaa bara 2024 Iskootilaandi Gilasgow keessatti gaggeeffameen dorgommii xumuraa meetira 1500’n sadarkaa 9ffaa baate.

Atileet Birqeen sa'aatii dhuunfaa ishee isa gaarii mana keessaa bara 2024 Boston Girandi Pirix irratti daqiiqaa 3 fi sekondii 58 fi maaykiroo sekoondii 43 galmeessiteetti.

Dorgommii atileetiksii mana keessaa dhiheenya kana Cheek Rippabiliika Ostiraavaatti gaggeeffame irratti sa’aatii saffisaa bara 2026 daqiiqaa 4 fi sekondii 00 fi maaykiroo sekoondii 62 galmeessiteetti.

Birqeen har'a dorgommii xumuraa irratti atileetii kamiyyuu caalaa yeroo gaarii qabdi.

Walumaagalatti atileetotni sagal dorgommii xumuraa irratti ni hirmaatu.

Dorgommiin xumuraa meetira 800 dubartootaa galgala sa'aatii 3:53 tti gaggeeffama.

Dorgommii kana irratti atileet Nigisti Geetaachoon ni hirmaatti.

Atileet Nigisti tapha walakkaa xumuraa kaleessa gaggeeffameen 2ffaa bahuun gara xumuraatti darbeera.

Atileetiin kun bara kana dorgommii Shaampiyoonaa Addunyaa mana keessaa irratti hirmaachuun ishee yeroo lammataati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015