Tamsaasa Kallatti:

Birrinesh Dasseen fiigicha dubartootaa kiiloo meetira 5 injifatte

Bitootessa 13/2018 (ENA): Atileet Birrinesh Dasseen fiigicha guddicha Itiyoophiyaa dursi dubartootaaf jedhu kan marsaa 23ffaan gaggeeffame kiiloo meetira 5 ifatteetti.

Fiigichi kun ganama har'aa ka’umsaa fi gahumsa isaa Hoteela Boolee Atlasitti taasifachuun gaggeeffameera.

Sagantaa kana irratti kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee, ambaasaaddarri fiigichichaa atileet Masarat Daffaarii fi keessummoonni biroo argamaniiru.


 

Birrinesh Dassee dorgommii kana waggaa lammaffaaf walitti aansuun injifatteetti.

Roobee Didhaa 2ffaa, Sannaayit Geetaachoon ammoo 3ffaa bahuun xumuraniiru.

Fiigicha kanarratti dubartoonni 16,000, atileetotni 150 ol fi dubartoonni 25 immoo akka fakkeenyaatti warra moggaafamantu irratti hirmaate.

Fiigichi kun bara 1996 irraa eegalee guyyaa dubartoota addunyaa kabajuuf gaggeeffamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015