Tamsaasa Kallatti:

Ayyaanni Shawaaliid haala tokkummaa Sab-daneessummaa jabeessuun ni kabajama

Bitootessa12/2018(ENA)-Ayyaanni Shawaaliid haala Nageenya, waloomaa fi tokkummaa Sab-daneessummaa dagaagsuun, akka kabajamu Waajjirri Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Hararii beeksiseera.

Waajjirichi ibsa baaseen Ayyaanni Shawaaliid Saba Hararii biratti Jaarraawan hedduuf kabajamaa kan turee fi wal-harkaa fuudhinasa dhalootaan Aadaa fi duudhaasaa eeggatee har’aan ga’uusaa ibseera.

Duudhaa mallattoo addaa eenyummaa Ummata Hararii kan ta’e ayyaanni Shawaaliid Ayyanichaan olitti madda duudhaa hawaasummaa fi dinagdee Ummata Hararii ta’uusaa ibseera.

Kabajni Ayyaanichaa Ayyaanota Aadaa duudhaa waliin jireenya ummata biyya keenyaa gabbisaa jiran keessaa tokko yoo ta’u, keessumaa kutaa Baha biyyattiitti wal-barumsa aadaa uumuun, hariiroo ummataa fi ummataa cimsuu keessatti, gahee ijaarsaa bahachaa akka jiru waajjirichi ibsa baaseen beeksiseera.

Kabajni Ayyaana Shawaaliid Sadaasa 25 bara 2016 irraa eegalee Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa Mootummoota Gamtoomaniin (UNESCO)tti hambaa kiliyaa Addunyaa ta’ee galmaa’ee jira.

Haata’u malee Ayyaanichi kan ummata Hararii qofa osoo hin ta’iin, kan guutuu Itiyoophiyaanotaa, isaan olittis qabeenya guutuu Addunyaa ta’ee akka argamu hubachiisaniiru.

Ayyaanni Shawaaliid dameen Tuurizimii Naannichaa qofa osoo hin taane kan Itiyoophiyaa guddisuurratti Ayyaana faayidaa olaanaa qabudha.

Ayyaanni Shawaaliid bara kanaa mata duree ‘”Shawwaliid tokkummaa Sab-daneesummaa fi guddina Turiizimii keenyaaf” jedhuun kabajama.

Ayyaanni Shawaaliid bara kanaa haala Nageenya, waloomaa fi tokkummaa Sab-daneessummaa dagaagsuun, kabajamuuf qophiin taasifama jiraachuu beeksiseera.

Ayyaanicharratti kutaaleen hawaasa adda addaa fi Naannoolee ollaa magaalittiitti agarsiisaa Aadaa, festivaalii fi daawwannaa hojiilee misoomaa dabalatee sagantaawwan adda addaa kan gaggeeffaman yoo ta’u, keessummoonni kutaalee biyyatti adda addaarraa dhufan ni hirmaatu jedhamee akka eegamu waajjirichi beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015