Tamsaasa Kallatti:

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Faayidaawwan Diinagdee hedduu gumaacheera

Bitootessa12/2018(ENA)-Sagantaan Ashaaraa Magariisaa baay’ina Bosona Itiyoophiyaa guddisuun, faayidaa Dinagdee gama hedduu gumaachaa jiraachuusaa Ministirri Qonnaa Addisuu Araggaa hubachiisaniiru.

Hoggantoonni damee qonnaa federaalaa fi naannoo bakka argamanitti guyyaa bosona addunyaa ilaalchisuun mata duree “ilaalama qabeenya uummaa mootummaa ida’amuu” jedhuun wal tajjiin marii gaggeeffamaa jira.


 

Ministirri qonnaa Addisuu Araggaa wayita sana akka jedhanitti, Mootummaan Ida’amuu sagantaa Ashaaraa magariisaaf xiyyeeffannoo kenneen qabeenya uumamaa keenya eegsisuun faayidaawwan Dinagdee hedduu argamsiisuusaa hubachiisaniiru.

Kanaanis waggoottan jijjiiramaa daraban biqiltuuwwan biiliyoona 48 ol dhaabuun baay’ina Bosona Itiyoophiyaa bakka turerraa dhibbantaa 17 tuqaa 3 irraa gara dhibantaa 23 tuqaa 6tti guddisuun danda’amuu dubbataniiru.


 

Lafa Itiyoophiyaa Miidhame bosonoomsuun dhiqama biyyee ittisuu fi nageenya sirna naannoo eeguu keessatti bu’aan abdachiisaan argamaa jiraachuusaas kaasaniiru.

Sagantaa Ashaaraa magariisaan biqiltuuwwan buna dabalatee dhaabbatan wabii nyaataa mirkaneessuun faayidaawwan dinagdee hedduu gumaachuusaanii mirkaneessaniiru.

Gara fuulduraattis hubannaa hawaasaa eegumsa bosonaarratti guddisuunii fi Sagantaa Ashaaraa magariisaa itti fufsiisuun xiyyeeffannoon akka hojjetamu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015